Tuesday, October 14, 2008

Farrummaa Murna "shanee"

salphoon nama rakkatetti, dhukkubsatetti, cubbuun itti roorrifamee fi kkf qoosuu fi kofluu caalu hin jiru. Ummata haqa ofiitiif falmu biratti ammoo kanneen saba isaaniif jedhanii wareegaman, harka diinaa bu'an akkasumas qaamaa fi sammuunis daadarkaawamanitti qoosuu caalaa gochaan nama suukanneessuu hin jiru. Kana irra dabree kan kaleessa jaallan waliin jettu diinaaf meeshaa tahuudhaan bakka hundatti qabsaawota adamsiisuu, diinaan lubbuu galaafachiisuu fi dararaa addunyaa kana irratti himuunuu nama sukanneessu mooraa hidhaa Wayyaanetti akka darbaman nama godhuu ala wanni fokkisaan hin jiru.

Qabxii armaa olii kana kan kaaseef sababa malee miti. Dhiheenya kana gootni ilma Oromoo tokko Somaalilanditti harka diinaa bu'aa dhagahuu, fi eenyu akka dabarsee diinaaf kenne akkasumas kana boodas ilmaanumti Oromoo hammeenya gurri ilma namaa dhagahuu hin qabne waa'ee goota ilma Oromoo kana dubbatan dhagahuu kiyya.

Ari'aa Daadhii eenyu. Ari'aa Daadhii ilma Daadhii garadee ti. Gooticha ilma Oromoo naannoo Arsii, golochatti dhalate, bara qabsoon Ummata Oromoo ABOn gaggeeffamtu bu'ureeffamte fincilee daggala seenee dha. Ilmaan isaa hundi bosonuma Oromootti guddatanii miseensa WBO tahuudhaan hanga lubbuu isaanii baatutti Oromiyaaf falmaa turan. Ilmaan Haajii Daadhii keessaa shan, miseensa WBO tahanii Oromoof osoo falmanii Dirree bahaa kutaa Harargee keessatti yommuu wareegaman tokkicha lubbuun hafe /ARI'AA Daadhii/ kanneen kaleessa hooggana ofii jedhaanii fi WBO ajajaa turan deebi'anii qabsiisuu isaanii ti. Abbaan Ari'aas bosonuma Oromoiyyaatti wareegame. Hunda Caalaa kan nama gaddisiisu Ar'aa Daadhii falmaa irratti madaawee isaa wal'aansaaf biyya ollaatti bahe osoo madaa isaa hin qoorin, rasaasni osoo keessa jirtu murni "shanee" diinaan qabsiise.

"Shaneen" farra ummata Oromoo fi bilisummaa akka taate erga hojiidhaan mul'ifte bubbultus, hammeenya Ari'aa Daadhii irraan isiin geesse eenyummaa isaanii hunda caalaa kan qulqulleessee ibsee dha. Ari'aan Daadhii guyyama qabame, osoo biyya ollaa jiru, akka waan harka diinatti kennee naannoo baha Oromiyaatti ummata qabsiisaa jiruu, mana paltalk "shanee" Galma Qabsoo..........." keessatti olola lallabuu eegalan. Maaltuu akka deemaa jiru beekuu dhabus, ololli akkanaa, ilmaa Oromoo jireenya isaa guutuu dirree qabsoo irratti dabarse irratti oofamu waan na jibbisiiseef cal'ise. Guyyaa lama booda hooggana qaama jijjiiramaa tokko argee gafannaan akka "deeggartootni shanee" qabsiisan, ajaja kanas kan kenne, Abbaa Caalaa Lataa, Daud Ibsaa fi Araarsoo Biqilaa akka tahan dhagahe. Araarsoo biqilaa naannoo sana keessa waan tureef namoota hedduu waan beekuuf qunnamntii qabutti gargaaramee akka Ari'aa Daadhii diinatti fi jaallan 3 biroo diinatti gurguratan ajaja dabarsan. Hunda caalaa kan na gaddisiise, kanneen ar'a Ari'aa Daadhii akka ofiin harka kenneetti fi diinaaf hojjatuutti olola dharaa oofan, "Gadaa Araaraa" namni jedhamu, fira Tamaam yousuf namni tahe kun takkaa sagalee rasaasaa kan hin dhagahin, bilisummaa Oromiyaaf takkaa dheebuu guyyaa tokkollee kan hin oolinii dha. Namni Guyyaa kaleessaa irra deddeebi'ee dhugaa jirtu haalee goota akka Ari'aa Daadhii cubbuun abaaraa ooluu yommuun dhagahu lubbuu kiyyaan jibbe. Oromummaa kiyyatti qaanawe. Murni "shanee" hooggana kiyya jedhee waggaa 20 jala deemaa ture farrummaa akkanaa irratti bobba'anii yommuun argu hangam bal'isee akka ilaalaa hin turre of arge, kanneen akkanaa irraa dirqama fudhachaa turuu kiyyaaf.

Ar'aa Daadhii goota gaafa hoogganni dirree qabsoo dhiisee baqate, humna facaase ciniinnatee bosona Oromiyaatti hafuun dirree bahaa keessatti akka WBOn jiraatu godhee dha. WBOn akka jiraatu godhuu qofa osoo hin taane, murna "shanee" ar'a isa qabsiise yeroo hedduu bakka isaan itti dhokatan Asmaraatti deddeebi'uun akka humni biyya keessa hooggana isaa eggataa jiruu fi dirreetti deebi'amee akka qabsoon finiinsamu yaadachiisaa ture.

Namoota Akka Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Araarsoo Biqilaa yoo ilaalle umrii isaanii walakkaa ol maqaa qabsootiin dabarsan. Ari'aa Daadhii garuu umrii isaa harka dhibba keessaa 99 qabsoo irratti dabarse. Keessattu kannen akka Araarsoo Biqilaa Ari'aa qofa osoo hin taane abbaa isaa fi obboleeyyan isaa barootaaf akka baala mukaatti Oromoo fi Oromiyaaf jedhanii harca'aa turan ni beeka. Fakkeenyaaf obboleessi Ar'aa guddaan 1997 yommuu kufuu Araarsoo Biqilaa ni ture. Kan kufes, dirreetti bobba'ee osoo hin taane, hooggana dhaabaa humna ittisutti ajajaa tahee osoo lolchiisu ture. Egaa hoogganni dhaabaa Gadaa Daadhii akka jiraatanii qabsoo ummata Oromoo gaggeessan, qabsaawota duulchisanii fi nagummaa miseensota dhaabaa tiksuan of wareegeef Araarsoo Biqilaafaa dha. Waaqni dhugumaan jiraataa taanaan dhugaan ar'a ukkaamfamtus, kanneen cubbuu fokkataa akkanaa Ar'aa Daadhii irratti dalagan hoonga'uu fi jireenya irratti qaana'uu hin oolan jedhee abdadha.

Dhugaatti dhiiga Oromoo yoo qabaatan, kanneen akka Araarsoo Biqilaa, Abbaa Caalaa Lataa, fi Daud Ibsaa goota ilma Oromoo ofii qabsiisanii, ofumaa deebi'anii ar'a akka ergamtoota isaanitiin irratti duulamu godhan kana akka dhaabsisan maqaa gootota Oromoo Oromiyaaf jedhanii lafee isaanii caccabsanii fi dhiiga isaanii lolaasaniin gaafadha. Hunda Caalaa akkaataa Ar'aa Daadhii itti qabame kan beeku Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Araarsoo biqilaa ti. Lubbuu goota kanaa galaafatanii, dararaaf erga isa laatan booda, mana paltalk hunda keessatti akka deeggartoota isaanitiin itti qoosamu gochuun cubbuu waaqni dhiifama hin gooneef natti fakkaata.

Dhuma irratti, lammiiwwan Oromoo barruu kana dubbisuuf hiree argatan, dhimma gooticha Oromoo AR'AA DAADHII kana jala buutanii akka hibattanii fi akkaataa diinatti dabarfamee itti kenname akka qorattan isin yaadachiisaa, goota ilma Oromoo kana garaa garummaa ijjannaa qofaaf itti duulamu, akka dhaabbatu qooda keessan akka baatan isin gaafadha.

Manguddoon Oromoo keessattuu kan naannoo Minesotaa jirtu, Kashlabboota akka "Gadaa Araaraa, Caffee anannii" maqaa jedhuun kannneen halkanii fi guyyaa mana paltalk keessa oolanii buluun hojii fokkataa shanee gaggeessan akka gochaa kana irraa of qusatan akka godhan gaafadha.

Kannen lafee, dhiigaa fi dararaa qabsaawota Oromoo irra gahuun gammadan, cubbuun lubbuun qabsaawotaa akka gaaga'amtu godhan, lafeen gootataa akka isaan waraantu, dhugaan isaa irratti haa jiigdu, cubbuun isaan haa dhaaltu!

Ummatni Oromoo cubbuu keessaa fi alaa ni injifata!

Dhiibaa Garbii

Friday, September 19, 2008

Gochaan malee Uumamaan diinummaan hin jiru, Gochaa Murna "Shanee" ilaala.

Adduunyaa kana irratti ilmaan namaa kan wal-dura dhaabaa ture, walitti diinomsee fi akka bineensa wal-fixuu irra dabranii sanyii wal-duguugutti akka aggaamatan godhaa ture uumaa osoo hin taane gochaa isaan wal irratti raawwatanii dha. Tokko qabeenya kan biroo humnaan saamee jiraachuuf hawwuu fi duula kanneen humna hin qabne irratti labsuun, akka ilma namaatti kabajaa isaan uumamaan qaban dhoorkachuun ilmaan namaa akka hantuutaa fi adurreetti wal-ilaalan godhe. Haalli yeroo ammoo mooraa qabsoo keessatti mul'ataa jiru kanuma nu agarsiisa. Murni Daud Ibsaa fi Abbaa Caalaatiin durfamu, barootaaf WBO bilisummaa Oromoo akka diigamu shira dalagaa turan irra dabranii ar'a isaan Oromoo hoogganan malee Oromoo wanni jedhu akka hin jiraanne lammii Oromoo walitti diinomsuudhaan akka tokkummaa saba keenyaa bifa salphaatti walitti suphuu hin dandeenneen diigamu halkanii guyyaa hojjachaa jiru. Duulli Oromoo diiguu kun bifa hedduun lafa jala kan deemaa jiru yommuu tahu, kan amma ifaatti adeemu jiru keessaa; 1. Ilmaan Oromoo dhalootaan naannoo Arsii tahan ifatti bahanii arrabsuu dha. Kun yeroo ammaa ifatti mana paltalk "Galma Qabsoo" jedhamu keessatti miseensota ABO murn "Shanee" jala hiriiraniin bal'inaan kan adeemsifamu yommuu tahu ajaja gubbaa irraa Daud Ibsaa, Abbaa Caalaa Lataa fi Tamaam Yousufiin dabru akka tahe hubachuun nama hin dhibu. Olola Gosa Oromoo Arsii irratti oofamu keessaa inni dura ummatni kun dhibba irraa harki sagaltama OPDO akka tahee fi waan qabsoo jedhamus duri irraa kaasee akka hin beeknee dha. Hunda ilmaan Oromoo naannoo Arsii Juneeydii Saaddootiin walitti hidhu. Naannoo Arsii keessaa Juneeydii Saaddoo OPDO tahuun akka waan namni Gosaa ARSII tahe hundi OPDO tahuu dhaalutti. Kanaaf harki dhaabaa akka keessa jiruuf ragaan guddaan warri mana kana gaggeessan miseensota dhaabaa kan akka Onnee/Juneeydii/ dura taa'aa Kutaa ABO USA fi Canada /murna shanee/ fi miseensota akka Aannanee /haadha manaa Ganatii Dheeressaa/ nama maqaa paltalk "oromticha_8 jedhuun seenu dhalootaan Horroo/ fira Gaashaahun Lammeessaa kan tahe, dura MN jiraataa ture, Moosisaa fi Buruyso kanneen jedhaman miseensota dhaabaa fi qunnamtii dhaabbataa warra Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Tamaam Yousuf waliin qabanii dha. Kan namaaf galuu hin dandeenye ololli gosa tokko irratti xiyyaafate kun bu'aan isaa maal akka tahee dha. Namoota birootiif ifaa tahuu dhabus, ololli amma gosa Arsii irratti xiyyaafate kun murna "shanee Gumii" ofiin jedhuun walgahii irratti kan bal'inaan irratti mari'atamee fi ilmaan Oromoo dhalootaa bahaa tahanii fi Oromoota Arsii gidduutti jibbaa kana hin jedhamne uumuudhaan fuula dura haala amma deemaa jiru kana dhuunfachuu dadhaban lamuu akka ilmaan Oromoo wal-hin amannee fi qabsoon bilisummaa Oromoof godhamu akka laaffatuufi. Kana booda, kun isinitti himne warra akkasii fi akkanaattu qabsoo diige jechuudhaaf. Ololli kun tuffatamee irra dabramuu qaban kan jedhan hedduu tahanis miidhaa guddaa geessuu isaa ifaa dha. Akkuma gubbaatti jedhe, ilmaan nama kan diina walitti godhu waliin dhalachuu fi dhiiga tokko tahuu osoo hin taane gochaa dha. Kabajaa waliif dhabuu fi walxiqqeessuu dha. Nama tokko irratti duulamu irra dabramuu danda'a. Gosa guutuu irratti duuluun garuu gaaga'ama guddaa fida. Ilmaan Oromoo hedduun maqaa OPDO fi ergamaa diinaa jedhu diddaa harka kennuu didanii boombii ofitti dhoosan, biyyaa baqatan, qabeenyaa fi maatii isaaniin addaan bahan dimshaashumatti OPDO jedhanii gosa isaanii walitti qabaan maqaa kennuufii caalaa kan itti dhagahamu hin jiru. Osoo akka hawwii Abbaa Caalaa fi Daud tahee Wayyaaneen ofumaaf kuftee warri Eritrea murna "shanee" galma Minilik qubsiisa tahee duulli sanyii duguuguu ummata ARSII irratti hin raawwatamu jechuun hin danda'amu. Baalee fi Arsii Rwandaa tahuu dandeessi. Ummata fincila diddaa gabrummaa keessatti bakka ifaa qabu, ummata gabroomfataaf jilbiinfatuu didee harkaa miilli murame, ummata seenaa boonsaa qabu kana maqaa kana itti mooggaasuun murni shanee ofiin jedhaa ture hangam kabajaa saba Oromootiif akka hin qabne agarsiisa. Murni Booddessaan Abbaa Caalaa fi Daudiin durfamu kun akka barootaaf mooraa qabsoo diigaa fi sabboontota facaasaa ture, ar'as ummatni keenya akka diina walitti tahee ilkaan walitti ciniinnataa adeemu gochuu kan gosa tokko qofa miidhu qofa osoo hin taane qabsoo oromoo fi fuul-duree saba keenyaa kan dukkaneessuu dha. Murni "shanee" nama tokko Juneeydii Saaddoon OPDO gosa tokkotti galchuu barbaadu, Nagaasoo Gidaa irraa kaasee miseesnota dhaabaa kan turan firoottan isaanii hedduun OPDO hojjataa turuu fi Goobanummaan bifa haarayaan akka dagaagdu barnoota kennuu yaadatuu laata.? 2. Ololli biroo bal'inaan ar'a waajjira "Hayyuu Duree" fi Abbaa Caalaa irraa gaggeeffamu kanneen dhaaba kana keessatti jijjiiramni saba Oromoo aanga'oomsu uumamuu qaba jedhan hundaa diina irra akka maallaqa fudhatanii qabsoo Oromoo irratti bobba'anii dha. Kun dhibbaa dhibbatti kijiba tahuu osoo beekan akka gadoota qabsoo dabran, qabsaawotni adeemsa keessa waliin deemuu dadhaban gonkumaa akka fuula dura dhimma Oromoo irratti walitti dhufanii hin hojjanne summii gidduu naquuf kan tilmaammatan yommuu tahu fottoqa Jaarraa Abbaa Gadaa irraa kaasee kan mmurni booddeessaan kun itti milkaa'ee dha. Ar'a kanneen baroota dura ABO irraa bahan yommuu haasofsiifnu wanni dhageennu, ABOf akka jibbaa hin qabne, garuu lammata dhaaba kanatti hanga namootni farra tahanii qabsaawota facaasan jiranitti akka hin deebinee dha. Kun kan mul'isu ar'a kanneen jaarmaya /ABO/ keessaa yeroo irraa yerootti harca'aa turan kaayyoo fi dhaaba irraa rakkoo akka hin qabnee fi murna booddeessaa kanaan akka dhiibaman, maqaa xureeffamanii lammata of duuba deebi'anii jaarmaya kana akka hin ilaalle akka taasifamanii dha. Ololli kun bal'inaan itti fufee jira. Asmaraa irraa guyyaa hunda osoo addaan hin cinne bilbilli namootatti dhahama. Sagaleen dhagahamu" kun ebalu, waajjira hayyuu duree irraa bilbilaa jira, kanneen jijjiirama jedhan maallaqa miliyoona hanganaa diina irraa fudhachuu dhageettee, mee isaanitti dabalamuu dura irra deebi'ii yaadi" jedhu. Kan nama ajaa'ibu, dhaaba caayaa sabboontotaa ture kana keessatti, bakka bu'oota gandaa ijaaruu isaanii ti. Namni isaan namoota naannoo Shawaatti dhalatanitti bobbaasan namuma Shawaatti dhalate. Kutaaleen hundi "Waajjira Hayyuu Duree" keessatti bakka bu'aa qabu. Kan isaan rakkise garuu humna booddeessaa kanaaf namni hojjatu dhabamee nama Kutaa sadiihuu keessa dhufe dhabuu isaanii ti malee. Eegaa kun kan agarsiisu, qabsaawota wal-irratti diinomsuu malee waajjirri Hayyuu Duree karoora qabsoo akka hin qabnee dha. Namootni isaan ar'a irratti bobba'an hedduu qabsoo kana keessatti qooda guddaa kennaa kan turan, sadoo isaanii irraanfatanii ummataaf kan of kennan, baroota hedduuf kan qabsoo hidhannoo keessaa qooda fudhatanii dha. Fakkeenyaaf Ajajaa Zoonii Kibbaa, kan miseensa Gumii Sabaa ABO tahe, dura SBO irratti dhiheessuun faarsaa turan guyyaa inni gochaan "shanee" diigaa akka tahe dubbate "embassy Ethiopia" oole jedhanii bakka hundatti labsan. Abbaa Nagayaa Jaarraa isaan halkanii guyyaa diina waliin akka harka qabuu irratti ololan, nama gaafa Abbaan Caalaa fi Daud humna 10,000 facaasanii maallaqa hafe humna dirreetti hafe jalaa fudhatanii Sudanitti bahan bosona Oromiyaa bahaa fi kibba bahaa keessatti humna duulchisaa turee dha.Hedduun isaan maqaa balleessuuf marxifatan kun yeroo Daud Ibsaa Nairobii keessatti Faaxee jimmaa waliin sagaagalu, whisky habbuuqatu dirree keessatti kophee malee warra deemaa turanii dha. 3. Oromoota dhalootaan naannoo dhihaa tahan hunda qunnamuun Oromoon naannoo Arsii isin dhabamsiisuu barbaadaa maal eegdan jechuun shororkaa uumuu; Ololli ilmaan Oromo walitti buusuu hafarsamaa jiru kana kan kallattiin gaggeessu Abbaa Caalaa Lataa yeommuu tahu, biyya alaa bakka hundaa fi namoota dhihaatti dhalatan kan OPDOf hojjatan hundi osoo hin hafin duula kana irraa akka qooda fudhatan kakaafamaa jiru. Wal-dhabbii dhaaba keessatti dhalate, kan qabsoo fuula dura oofuu fi bakkuma jiranitti ta'aau irraa madde waldhabbii amantii godhanii dhiheessuun kanneen amantii Islaamaa hordofan kanneen Amantii Kristiyaanaa hordofan irratti akka duuluuf qophaa'aa jiranitti olola dharaa hafarsu. Kanneen duraan takka yaadatanii hin beekne, Waldaa Amantiitti galanii bakka Oromoo gahe hunda lagachaa turan waraana gandaa godhanii Oromoo walitti bobbaasuuf dharaan ijaaraa jiru. Qabxiilee armaan olii kana irraa waa lama hubanna 1. Murni "shanee" Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa durfamu aangoof jecha ilmaan Oromoo Tutsii fi Huutuu 1990 ta walitti godhuu irra akka hin deebinee dha. Qabsoof kana godhan akka hin jenne, aangoo qabsaawotni itti kennaniin asiin dura hojjatanii isaan irraa kan agarre qabsaawota facaasuu fi qabsoo hidhannoo biyya keessaa akka baatu gochuu waan ta'eef. Kana malee murni kun leelliftoota ol'aantummaa ganda tokko malee sabboonummaa wanni jedhu dhiiga isaanii keessa akka hin jirree dha. Osoo sabboonaa tahanii, aangoo mulqamnee qofaaf fuula dura akka gonkumaa lammiin isaanii waliin dhaabbachuu hin dandeenya summii hin facaasan ture. Osoo dhugumaan qabsoof yaadanii yaada qabsaawotaa fi ummata Oromoo fudhatanii dirqama qabsoo hoogganuu dhaloota haarayatti dabarsuu turan. Osoo qabsoof yaadanii ganna 18 guutuu Abbaan Caalaa fi Daud baqattummaa keessa taa'anii qorannoo tokko fi hooggana malee biyyatti erguun irbaata rasaasa diinaa hin godhan turan. Osoo qabsoof yaadaanii dhiheenya kana naannoo Booranaatti kanneen miseensota WBO turanii waldhabbii dhaaba keessatti taheen murni "shanee" afanfaajjesse "warra jijjiiramaatti harka hin kenninaa, diinatti galaa" jedhanii dirqama hin kennan turan. Silaa osoo dhigaa qabaatanii qabsoo hidhannootti amananii humna diinatti galchan kanaan, ciniinnadhaa lolaa humna lachuu jedhu turan. Kana agarru, Abbaa Caalaa fi Daud qabsoon hidhannoo hafnaan Oromummaatti hin amanan jechuun ni danda'ama. isaan leelliftoota gandaa maqaa Oromummaa golgaa godhatanii dha. 2. Murni "shanee" kun gonkumaa karoora hojii fi laaloo/vission/ kan hin qabne tahuu dha. Fakkeenyaaf namni yeroo ammaa isaan hayyuu dha jedhanii oliif gad ergatan, kan dur-dirree qabsoo keessaa ganee qabsaawota dhiiga dhangalaasisaa ture "Dr." Bayaan Asoobaa haasawa deeggartoota "shanee"f naannoo DCtti godhe keessatti kanneen ganna 30 ol qabsoo keessa turan nammootni ganna lama dhaaba keessa hin turin aangoo irraa fudhachuu anaannatee dubbachuu malee qabsoon saba Oromoo akkamitti akka fuula dura deemtuu fi salphina akka sabaatti keessa seenne keessaa akkamitti akka baanu jecha tokko hin darbanne. DAUD IBSAA fi ABBAA CAALAA sabni Oromoo salphina keessa jiraachuuyyuu waan hubatan natti hin fakkaatu. Bayaan Asoobaas yommuu dubbatu, kanneen gana 30 qabsoo saba isaanitiif hojjataa turan akkamitti kanneen kaleessa dhufan bakka isaanii dhaalani malee kanneen inni nutti faarsuu barbaade Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa sagalee rasaasaa erga dhagahanii umrii gammeessa tokko gahuu fi dirree qabsoo erga arganii ganna 18 tahuu dha. Bayaan Asoobaaf Asmaraan Bosona Wallagaa, Baalee, Arsii, Harargee ............ itti fakkaata. Kanneen ar'a Murna "shanee" kaleessa hooggana keenya jedhanii ture dhaabni keenya dadhabina guddaa keessa akka ture, qabsoon hidhannoo akka laaffatte hin hubatan.Hoogganni dhaaba kanaa qabsoo irratti cichuu malee dhaaba kana akka fuula dura hin tarkaanfatne gochuu hin amanan. ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman, osoo bilisummaa dheebotanii fi ummata isaanitiif jireenya irratti waa godhuu barbaadan hoogganni kun hamilee cabsee manatti dacha'anbjiraachuu hin amanan. Gosaan namoota naannoo Abbaa Caalaa, Daud fi Tamaam Yousuf akka ilmaan Oromoo naannoo biroo jibbu godhanii ijaaruun rakkoo Oromoo akka waan furuu danda'uutti yaadu. Kanaaf egaa gabaabaatti hoogganni "shanee" dhibdee kaleessa ture hin hubatu, fuula duraafis furmaata hin qabu jechuu dha. Kan murni "shanee" ogummaa guddaa itti qabu, ciminaan hojjatee gufuulee qabsoo buqqisuu fi akka hin dhalanne godhuu osoo hin taane, gochaa diinaa guddisee dhheessuu fi akka homaa godhuun hin danda'amne, hanga waaqni gadi bu'ee Oromoof qawwee baatutti taa'anii eeguu dha. Osoo homaa hin hojjatin ganna 4o miseensa ABO tahanii ta'uu qabsootti cichuu jedhuun. Kanneen ar'a dhufanii nu hojjachiisaa fi osoo yeroo hin dabree saba keenyaaf waan mul'atu haa goonuu jedhan jarjartoota wanni hundi salphaa itti fakkaatu godhanii hamilee cabsu. Xumura Murni "shanee, murna diigaa, murna karoora ololaa malee karoora hojii hin qabne, guyyaan itti dukkanaa'ee dha. Murna jaalalaa fi kabajaa sabaa osoo hin taane, murna qullaa dhaabbatee hojii malee of dhaadu, murna ofittoo jaalala fedhii mataa isaatiin ahwaale/obsessed/ dha. Haasaa isaanii keessaa ji'oota lameen dabran wanni dhageenni karoora hojii olola Oromoota addaan facaasuu irraa madde hafarsuu fi hooggana dhaabaa ganna 30 qabsoo irratti dabarseetu salphifame kan jedhu qofa. Ummatni Oromoo osoo barii bilisummaa arge jedhu itti dukkanaa'e, osoo WBOn ar'a na dhaqqabee gumaa sabaa baasa jedhu hawwiin isaa abjuutti jijjiirame, kan boru irra wayyaadha osoo jedhu gabroomfataan gidiraan itti hammaateef deebii tokko murni "shanee" hin qabu. Hunda caalaa dantaa mataaf jedhanii Oromoo amantii fi naannoon walitti naquuf tattaafiin godhamaa jiru, fuula dura salphina kana jalaa bahuuf sabni keenya tokkummaan akka hin warraaqnee fi abbaa qoroo gandaa jalatti akka kufuu fi haala yeroo duulli Minilik jalaqabamuu dura Oromiyaa keessa turetti kan nu deebisuu dha. Dadhabina hojjannee irra aanuu dandeenna. Saba Oromoo gandaan addaan facaasuu garuu irra aanuun dhaloota biroo gaafatuu mala. Dhugaan Oromummaan akka dagaagdu yoo hawwina tahe, jirrenya keenay irratti sabni keenya akka humna tahee mataa ol'qabatee dhaabatu dandeessisuun hawwii keenya yoo tahe, gama fedhe dhaabbanus shira qabsaawotaa fi qabsaawota, ummata naannoo tokkoo fi naannoo biraa walitti duulchisuuf godhamu dura haa dhaabbannuu. Ilaalchaan adda baanus, dhugumaan Oromummaa fi qabsoo saba keenyaatti amanna taanaan yaadaa wal dura dhaabbannee deeggarsa ummata keenyaa haa barbaadnuu. Ololli gosa tokko irratti xiyyeeffatu, qabsaawotni akka diinaatti wal-ilaalan godhu badanii balleessuu/suicide/ irra addaa miti. Badanii balleessuun nuti dhagahaa turre/ sucide/ diina irratti kan xiyyeeffate yomuu tahu kun kan of-balleessuu waan taheef iyyinee iyya dabarsinee akka dhaabbatu haa goonuu. Diinummaan uumamaa hin jirtu. Gochaan keenya diina walitti nu godhuu danda'a. Kanaaf diinummaan Warshaa "shanee" keessatti uumamee ummata Oromoo keessatti akka babal'atu godhamaa jiru akka dhaabbatu sagalee tokkoon tokkummaa Oromoof haa dhaabbannuu. Gadaan Gadaa injfatnoo fi Jijjiiramaa ti.!!! Bulee Garambaa ti.

Friday, August 22, 2008

Jiijjiirama Hundee maaliif nu barbaachise?

Yeroo Ammaa Jijjiiramnni hundee ABO keessatti maalif barbaachise? Kutaa TokkoffaaThursday, 08.21.2008, 05:52pm (GMT)
Yeroo Ammaa Jijjiiramnni hundee ABO keessatti maalif barbaachise? Kutaa Tokkoffaa: ABO keessatti jijjiirama hundee fiduun yookaan ABO haaromsuun kan barbaachiseef QBO saffisaan galii isaa rukuchiisudhaaf jecha waan nurraa hir'atte guutannee, kan jallatte diriirsinee qabsoo karaa sirrii qabsiisuuf qofa akka ta’e ifaatti beekkamuu qaba. Jijjiirama fedhii fi gaafii miseensotaa ABO fi abbaa qabsoo kanaa Ummata Oromootiin dhaaba kana keessatti ta’e kana xinneesanii jijjiirama namoota murtaa’on ( Oromoota nannoo takka keessatti dhalatiin) dhufe fakkeesaii dhiheesuun kan boru seenaa keessatti nama qaanfachiisu akka ta’e wal yaadachiisun fardii ta’a.

Osoo ololli kun dhugaa ta'eeyyuu namnni murataan tokko, murnni tokko yookaan namoonni naannwa tokootti dhalatan wareegama barbaachisu kafalanii Oromiyaa bilisoomsuuf yoo soso'an yakka ta'uu hin danada'u. Murnni har’a qaama jijjiirama hundee ABO keessatti fide gandummaan yakkuu barbaadu kun qaama ufii isaa bara dheeraa dhaaba keessatti caasaa gandummaa gubbaa haga jalaatti, beekaa haga wallaalaatti ijaaree gadaa hooganaa ABO dhufaa dabrraa keessatti aangoo irra uf tursiisuf hojjachaa tureedha.

Murnni kun qabsoon Oromoo qancarte dhiifte, Ummanni Oromoo balaa beelaa, dhibdee fi diinaan dararame dhiise, Oromoon humnna qawween biyya abbaa isaa irraa buqqaafame dhiise, laffti Oromoo alagaan ciciramee gurgurame dhiise, dubartiin Oromoo humnnaan humnna waraana/polisa diinatiin gudeedamte dhiifte, mangudoon Oromoo diinaan salphate dhiise, daa'imman Oromoo jiraa isaanii bineensa nyaachifame dhiise, Oromoon bahaa-dhihaa, kaabaa-kibbaa sab bicuun lafa irraa duguugame dhiise, dhalttuun Oromoo garaa haadhatti saanjaan ajjeefame dhiise haga isaan aangoo ABO irra turanii maqaa ABOn daldaluu danda’anitti dhimma itti hin qabin. Qabsoon rakkoo fi gufuu malee milkooftu jiraachuu baattullee tan ummata hedduu osoo if duubaa qabduu rakkoo keeysaatiin sakaalamtee bara dheeraaf qancartee Ummata isii salphina keessaa baasuu dadhabde qabsoo bilisummaa Oromoo qofa jechuun nidandayama.

Rakkoon tun hooggana siyaasaa cimaa Oromoo lolee lolchiisu fi oromoo uf jalatti gurmeesee diina irratti duulee duulchisu dhabuu fi adeemsa ifaa ta’e kan arrab-lamee uf keessaa hin qabnne ( clear vision) qabaachuu dhabuu akka ta’ee saba Oromoo jalaa kan dhokatu miti. Waan hundaa ol garuu wanni qabsoo bilisummaa Oromoo bara dheeraaf sakaalee uf dura tarkaamfachiisuu dhoowwee qancarse rakkoo keessaa sirnnaan haasa’a ilaa fi ilaa meen furachuu dadhabuun namoota dhaaba keessatti gaafii sirnnaa kaasan maqaa farra qabsoo jedhu itti moggaasanii yoo halli mijaa’ef ajjeesuu, yookaan hidhuu, bakka kun hundi hin aanjofnnetti qabsoo irraa moggaatti dhiibuu akka ta’e hubatamaadha.

Halli kun ABO keessatti bara baraan wal facaasuun dhaaba biraa dhalchuu fide. Erga dhiibbaa adda addaatiin dhaabonni haaraan dhalatan boodee dhaabota siyaasaa Oromoo jidduu waliigaltee fi tokkummaan siyaasaa dhabamuun Ummata Oromoo afaanfaajessee ka jala deemu fi dhiisu wallaalchisee, tokkummaa Ummata Oromoo laafisee diina waloo irratti qabsaa’ee biyya isaa dhuunfachuu akka dhoowwe dhala Oromoo hundumatu beeka. Kanaaf ragaan, kan ta’u seenaa ABO kan bara 30 olii kan dabree fi haala amma jiruuudha. Ummanni Oromoo wanni bilisoomuu dhabeef qabsoo keeysaa geegesee rakkoo tana furuu dhabeeti malee loluu dhabee ykn diinni irra cimee akka hintahin shakkiin hinjirtu. Hoogana goota Ummata gootaa fi seena qabeessa ta’e kana gurmeesee diina irratt duulchisutu dhibe. Hooganni yeroo amma aangoo irraa kaafame SHG-ABO kun hoogana bilisummaan biyya baqaa taa’anii hawwuu qofaan dhufuu danda’a jedhanii yaadan yookaan abjootan hoogana yoo akka tasaa wayyaaneen aangoo mootummaa gadi lakkiftee maqaa Ummata Oromootin affeeramanii mootummaa ta’uuf qophaa’an fakkaatu. Ragaan hujii isaanii baroota 17 dabrre bara chaarteeraatin booda arginuu dha. Bilisummaan hawwii qofaan argamtu manaama dhugaa tahuu hindandeenye.

Ummanni Oromoo har’as ta’e boru yoo rakkoo tana irra aanee firaa fi tumsa qabsoo heddummeesuun gamtaan diina kallattii irratti duule injifannoo galmeesse malee wareega fedhe baasu illee hoogana amma jiru ( SGH-ABO ) jalatti bilisummaa isaa goonfachuu akka hin dandeenye ifaatti mul’atee jira. Kanaaf qabsaayonni haala kana hubatan wareegama barbaachisu kafaluun jijjiirama bara dheeraa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hawwamaa ture dhugeesuuf socho’an. Ummanni Oromoo gabrummaa, hiyyummaa fi qabsoo hadhooftuu bara dheeraaf geggeesaa tureen akka malee hubamee/ miidhamee hoogana ABO kan bara 30 ol keesatti dachii Oromiyaa faana/taakkuu takka bilisoomsuu dadhabe kana jala deemuu hifatee/nuffee jira. Amma booda qabsoon tun yoo karaa sirrii qabattee hoogana warraaqaa jalatti uf dura deemuu baatte ummanni hamilee dhabuun, abdii kutachuun ykn shakkiidhaan qabsoo irraa qoorrinfachuuf deema. Kanaaf, dirqamni ilmaan Oromoo guddaan rakkoo hoogana cimaa/warraaqaa dhabuu kana yeroon gadi fageenyaan ilaalee kora sabaa Ummata Oromoo mirkaneesuun furmaata itti laachuudhaan akka nam tokkootti harka walqabatee gootummaan diina irratti bobbahuudha.

Kaayoon hoogana yeroo kan jijiirama qabsoo tenya keessatti godhamee kan duraa kora kana milkeesuun hoogana cimaa/warraaqaa utubuu fi Ummata Oromoo gurmeesee, tokkummaa qabasaayotaa fi dhaabbotii Oromoo bilisa ta’anii cimsuun bilisummaa saba Oromoo humnna qawweetiin mirkaneesudha. Hooganni dhaaba siyaasaa kan bakka bu'aa, ijaa fi gurra ummataa tahee qabsoo duursu tokko diina isaa injifatee ummata dharraa dheebuu bilisummaa baasuuf waa hunda dura dimokraasii, fi walabummaa keeysaa fi alaa qabaachuu ol'aantummaa heeraa fi seeraa kabajee kabachiisuu qaba. Kana jechuun,

1. Qaamnni dhaaba hoogganuu tokko amantii, kutaa, fi ilaalcha siyaasaan osoo gargar hin qoodamin sodaa fi loogii tokkoon malee walaba tahanii walmarihachaa wajjiin carraaquutu isaan irraa eegama. Kun aadaa hoogana kanaa miti.

2. Hooganootiin hundi dantaa ufii jala goruu dhiisanii tan sabaa dura aansuudhaan obsa, kabajaa, jaalalaa fi wal'amantiin akka nam tokkootti murannoo fi haqaan wajjiin hojjachuu feesisa. Kun hoogana ABO ( SHG) keessaa dhabamee jira.

3. Hundaa ol abbaan qabsoo ummanni oromo waan maqaa isaatiin hojjatamu hunda beekuuf mirga waan qabuuf hooganni ABO gorsa manguddoo fi hayyuu sabaa fudhachaaa, yad-qalbii ummataa dhageeffachaa fi hirmaannaa isaa gabbisaa hojjachuun qabsoo Oromoo fiixaan baasuuf carraaqun murteesaa ture . Kun SHG-ABO kana biratti fudhatama hin qabu.

4. Hooganni dhaaba tokko qabsoo bilisummaa sirnaan duursee fedhii ummata isaa guutuuf waa hunda dura heeraa fi seeraa dhaabichaa kabajee kabachiisuu qaba. SHG-ABO hoogana heeraa fi seeraa ol uf godhee uf ilaaludha. Kanaaf SHG-ABO amma dirqama irraa kaafame kun murtii koree Seeraa fi Toohannoo kan kora sabaatiin utubame irra ijjatee qabsaayotaa fi Ummata Oromoo gargar qoodee dhimma itti bahuuf Kora gamtaa ABO kutaalee USA fi Canada bara 2008 bakka lamatti teesise.

5. Hooganni kun hoogana humnna waraanaa sadarkkaa Jeneraala haga waraana raayyaa, barattoota, hojjattoota fi qotee bulaan Oromoo diina isaa loluf jiruu fi jireenya isaa dhiisee itti dhufe ufitti fudhatee diina lolchiisuu dideedha.

6. SHG _ABO jiruu jireenya WBO dagatee, dirree lolaa lagatee bara 17 ol biyyoota ollaa keessa naannawuudhaan maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin jiraachaa jiruudha. Badiileen/dahabiin kun kan hooganni kun akka walotti itti gaafatamu yoo ta’u kan dhunfaa dhunfaatti itti gafataman barreefama itti aanu irratti kaa’uu barbaada. Kutaa Lammaffaa itti fufa, hagasii nagahaan

Tuesday, August 19, 2008

Abbaan Qasbsoo Lammii OROMOO bilisummaa hawwu hunda

Yeroo dabre murna "SHANEE" ofiin jedhuu fi hoogganni gadaa Daud Ibsaa ilmaan Oromoo kutaa fi Amantiin walitti buusuuf tattaaffii godhaa jiranii fi eenyummaa namoota adda durummaan shira kana xaxaa jiranii agarre. Ar'as itti fufa isaa fi jala deemtota "SHANNEE" akeeka diiga kana bakkaan gahuuf hojii gadhee hojjachaa jiranii ilaalla.

Dura ololli amma kanneen dhaabni kun qabsoo saba Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu hin dandeenyee, jijjiirama bu'uraa nu feesisaa jedhanii ganna lamaa ol sirna dhaabaatti dhimma bahuun ABO deebisaanii akka mul'atuu fi ummata Oromootti kabajaa godhu tattaafataa turan irratti oofamaa jiru akka fakkeenyaatti ilaalla.

1. Warra ganda tokkoottu of- ijaare.

Yaadni kun qabsoon saba Oromoo sakaallaa keessatti akka haftuu fi badiin murna shanee qabsoo ummata Oromoo diiguuf muratee akka saaxil hin baane tooftaa dhimma itti bahamaa jiruu dha. Dhugaan yoo tahe murni "shanee" namootni inni ar'a hoogganu irra jiroon namoota ganda lama hin caallee dha. Yoo gosti Oromoo hafte Oromoo tahuuf ajaja Abbaa Caalaa fi Daaud fudhachuu barbaachise ykn yoo gosti gosa kaan irra Oromoo taate malee kanneen ar'a jijjiirama mooraa qabsoo Oromoo keessatti labsan namoota ganda tokkoo wanni godhuu danda'u hin jiru. Murna jijjiiramaa kana adda durummaan kanneen gaggeessan yoo ilaalle ilmaan Oromoo golee Oromiyaa hundatu keessa jira. Kan silaa gandummaan yakkamuu qabu, kanneen gandaan biyya alaa fi biyya keessattis caasaa diriirfataa turan Abbaa Caalaa fi Daud tahuutu irra ture. Dubbiin ifaa tahee jiru gandi tokko namoota xinnoo ergamuu qofaaf of kennan ofitti dabalatee ilmaan Oromoo qabsoo irraa dhiibuu dha.

2. Kanneen maqaa jijjiiramaatiin dhaaba /ABO/ dhuunfatuu barbaadan harka diinaatti keessa jira, yookan OPDO dha jedhu.
Yakkii kun akkamitti dhugaa tahuu danda'a?
Genaral Kamaal Galchuu yoo fudhanne osoo dhaabatti humnaa fi meeshaa Waraanaa qabatee hin dabalamin dura baroota dheeraaf Hayyuu Duree waliin qunnamtii qabaachaa akka ture, humna diinaa diiguu irratti qooda inni taphateen Kora 2ffaa irratti jaallan biyya keessa jiran jedhamuun kan akka miseensa GS-ABO tahu, yaada hayyuu Dureen dhiyaate walgahii dhaabaatiin fudhatee irreeffamee dha. SBOn irra deddeebitee, ilmaan Oromoo General Kamaal waliin wal-qunnamtii qabaachaa jiran sababa ABOtti makamuu isaatiin kanneen 20,000 ol tahan hojiii irraa akka ariite, kaan ammoo bakka bu'a akka dhabaman oduun dabarsaa ture soba moo, Genaral Kamaal kan ergamaa OPDO godhu hoogganni amma jiru qabsoo ummata Oromoo hoogganuuf muratnoo hin qabu jechuu isaati, ykn ammoo kan qabsaawummaa namaaf kennu, Daudiin faarsuu, kan OPDO jechisiisus Daudiin wal dhabuu dha?

3. Kanneen jijjiirama gaafatan WBO ijaanuu arganii hin beekan, ykn takkaa shurufkaa rasaasaa fuunfatanii hin beekan jedhu.

Mee "SHANEE" ar'a yeroo barbaaddu OPDO ykn ammoo goota gootee namoota faarsitu kana keessaa nama hangam kan qawween lolaa ture? Gaaffii akkanaaf deebii kennuu dandeettii shaneen? Dhaaba keessa Osoo hin turin fi osoo hin lolin namoota aangoo ykn dirqama ol'aanaa itti kennuutu badii tahe jedhu "shanee" fi ergamtootni isii. Mee dhugaan eessa akka jiru bilchinaan haa qorannuu.

Kanneen ar'a dhaaba kana keessatti buuleysa jedhaman, Abbaa Caalaa fi Daud, akkasumas Araarsoo biqilaa ti. Araarsoo Biqilaa qabsoo kana keessa hanga turetti bu'aan inni qabsoo Oromootiif buuse kan nama wal-gaafachiisu tahus, buuleysummaan isaa waan haalamuu miti. Mee Abbaa Caalaa fi Daawud dhugumaan buuleysaa waan jedhu haa ilaalluu.

Abbaa Caalaa: Abbaa caalaa kanneen jalqaba dirree dhihaatti bahan akka tahe ni hubatama. Bara 1981 dirree Dhihaa akkuma dhaqaniin sagaliin duraa diinaan gaaga'amtee namoota hafan irratti Abbaa Saglii godhame. Osoo waggaa tokko hin turin miseensota akka wal-basaasan gochuudhaan diina dhiisanii akka qawwee walitti nyaachifachuun wal-eeggatan godhee hojii qabsoo hidhannoo guututti sakaalame. Rakkoon kun cimaa dhufee, walgahii yeroo sanatti Waajjira siyaasaa yaamamee furmaatni itti kenname.
1992 irraa kaasee biyyaa baqatee Keeniyaa fi Suudaan keessa ture. Hanga ar'aatti baqattummaan jiraachuu malee waraana hoogganee hin beeku. Mee isaa fi baqataa europe ykn USA jiru gidduu garaagarummaa maaltu jira? Garaa garummaa tokkichi jiru ofii hojjatee ofii fi maatii isaa jiraachisuu qofa.

Daud Ibsaa:
Akkuma barruu kiyya duraa irratti tuqe Daud Ibsaa ganna 30 maqaa qabsootiin dabarse keessatti waraanaan wal-quba hin qabu. 1981 dirree dhihaa irratti diinaan booji'amee ganna 6 mana hidhaa keessatti dabarse. 1988 yeroo achii bahutti Abbaa Saglii irraa ka'ee takkaa osoo humna hin lochiisin ajaja Damee Waraanaa muudame. Yoo mana hidhaa keessatti bosonni jiraatee lolaa ture malee muuxannoon lolaa inni qabu hin jiru. Abbaa Saglii irraa takkumaan General tahe.

Hangattii xinnoo dirree dhihaatti mataa damee tahee hojjachaa turetti humna ajaja, mirga irraa mulqee dirree leenjisaa irraa ka'ee abbootii saglii, muraasaa, buttaa.....kkf bira dabruun gabaasaa nama tokko tokkoo guuraa waan tureef humna keessatti wal'amantiin akka hin jirre, ajajootni humna akka sirnaan hin taligne nama danqaa guddaa uumee dha. Kana jechuun umriin inni maqaa qabsootiin dabarse gatii hin qabuu miti. Garuu, hiree ummata Oromoo jireenya keenyaa ol goone ilaalla yoo tahe bu'aan inni akka hoogganaatti qabsoo kanaaf buuse hin ture, fuula duras hin jiraatu. Kan ganna 30 keessatti bu'aa tokko hin argamsiisin haala ammaa kana keessa bilchina qabsoo saba miliyoona afurtamaa nama akkaanaa irratti dhiisuun dogoggora guddaa taha.

4. Ololli hamaan amma deemaa jiru kan biroo tattaafii ilmaan Oromoo bahaa fi kibba bahaa jiraatan walitti buusuuf godhamaa jiruu dha. Ololli gidduu kana ergamaa "SHANEE" naannoo bahaatti dhalataniin oofamaa jiru, kan jedhu, osoo dhaaba keessatti jijjiirama fiduuf tattaafannuu warri ARSII akka nama bahaa Bultum Biyyoo Hayyuu Duree hingooneef fincila kaasanii kan jedhuu dha. Kun akka dhagahutti kanneen bal'isaanii shira "shanee" hin ilaalle hedduu akka dallansiisee dha. Dhugaan jiru garuu kanneen bakka bu'aa ilmaan Oromoo bahaa of-taasisuu barbaadan kun "shanee"f ergamuu malee murni Abbaa Caalaa fi Daaud kabajaa namaatuu kan hin qabnee fi akka meeshaatti akka isaani ilaalu kanneen of-tuulummaa murna booddessaa "shanee" beekan hundi ni hubatu.

Murni shanee Abbaa caalaa fi Daaudiin hoogganamu murna booddessaa fi farra warraaqsaa akka tahe, akkasumas kanneen isaan ar'a ummata Oromoo ittiin dhamaasuu ergatan kanneen waan itti amanan hin qabne akka armaa gadiitti haa ilaalluu.

1992 keessa Abbaan Caalaa Qabsaawota sagaagalummaan yakkee mana hidhaatti osoo darbuu ofii sagaagalaa ture. Guutummatti hojiin murni kun hojii siyaasaa fi waraanaa lagatee bara ummatni Oromoo bakka hundaa gargaarsaan hiriira dhaabbatu waraanii Dirree dhihaa Kophee malee lafa deemaa ture. Kanneen dhugumaan dhugaa barbaaddan akka tasaa hiree barruu kana dubbisuu argattan WBO dirree dhihaa ture irraa dhugaa kana baruu dabdeessu.
Kanaaf ragaan guddaan, 1992 ji'a caamsaa keessa Abbaan Caalaa Michuu/girl friend/ Dirree xayyaaraa irraa simachuuf Waraana buttaa guutuu walakkaan kophee hin qabnee hiriirsee akka dhaqee kanneen dhugaa kana beekaniif haaraya hin tahu. ABO hoogganuuf Abbaa Caalaa fi Daaud Ibsaa malee akka namni hin jirreetti kan ar'a nutti himuu barbaadan, WBOn godina dhihaa hanga funyaanitti meeshaa waraanaa qabuu fi leenjisa gahaa fudhate shira jara kana lameeniin diigame. Of-tuulummaan isaan qabsaawota ittiin dhihaataa turan hedduu fokkataa akka ture jecha Abbaan Caalaa waraana rakkoo nyaataa fi uffataa isatti himatuu walgahe tokkoon jedhe arguun barbaachisaa dha. Humna rakkoo isaa hoogganatti himaachuuf dhufe kanaaf deebiin Abbaan Caalaa kenne " Feetan ganda keessanitti galaa, ar'aan booda jaldeessi Oromiyaatuu lolee nu bilisoomsuu danda'aa" jedheen.

Kanneen seenaa xuraawaa akkanaa qaban maaliif qabsaawota dhugaa xureessuu fi haguuguuf akka tattaafatan hubachuun nama hin dhibu. Sababni shira kana hundaa, Guyyaan dhaabni kun murna booddeessaa akkanaa kana jalaa bilisoome qabsoon Oromoo waan fuula dura furgaatuuf eenyummaan isaa ittiin of dhaadan kun ifa baha jedhanii waan sodaataniifi.

Ergamtootni isaaniif Kannneen gandummaan dhamaase, qabsoo bilisummaa Oromootti hin amanne, maqaan guddaa sammuun ijoollee daa'ima hin geennee dha. Isaan keessa tokko qofa fakkeenya fudheen dabra.

Bayaan Asoobaa
Bayaan Asoobaa kanneen jalqaba bara qabsoon hidhannoo jalqabamte bosona seenee humna hoogganu facaasee Dariitti harka kennatee dha. Qabsaawota hedduu qabsiisuu fi dhiiga isaanoii Dargiin akka dhangala'u godhee "Cadre" Dargii badhaafame. Qooda ol'aanaa diinaaf gumaache kanaan ammas "scholarship" hiree biyya alaatti barachuu badhaafame. German yeroo jirutti humnoota Amaaraa kan akka EPRP keessatti qooda fudhachaa ture. Osoo haala kanaan jiruu murna gandaa "murna harar odaa bultum" jedhamu ijaare.

Achi irraa USAtti galee deebi'ee dhiigni goototaa Dargiin akka dhangalaasu godhe dagatamee qondaala dhaaba gurguratee tahee as bahe.Kanneen akkanaa ajaja namaa guutuu malee saba isaanitiif hin dhimmine qabsaawaa tahanii ar'a murna shanee akkuma isaanii osoo diinatti harka hin kennatin qabsoo ajjeesse du'a irraa oolchuuf oliif gadi fiigu. Qabsoon sabni Oromoo bilisummaaf gaggeessu hanga farreen akkanaa ijjanaa fi waan itti amanan hin qabne maqaa sabaatiin nagadanitti bakka gahuu hin dandeessu. Kanaaf jabaannee hojjachuu qabna.

Boqonnaa 3ffaan itti fufa.

Gadaan Gadaa Jijjiiramaa fi Gadaa injifatnoo ti!

Bulee Garambaa ti

Sunday, August 17, 2008

Abbaan Qabsoo Lammii Oromoo Bilisummaa Hawwu Hunda

Jijjiirama ABO keessatti dhalate booda ololla tokkuummaa ilmaan Oromoo diiguuf murna shanee ofiin jedhuun qindeeffamee golee Oromoon jiru keessa bubbisu hedduu boodatti hafaa fi ciminaan dura dhaabbatamuu kan qabuu dha. Kanneen ganna 30 ol dhaaba kana taligaa turan, dhaba muratnoo fi hanqina bilchinaa irraa qabsoon ummata akka laamshoftu godhuun ala dhaaba ummata Oromoo ABO akka qabeenya dhuunfaa garee tokkootti fudhachuudhaan tattaaffii ummatni Oromoo deebisee qabsoo isaa irratti abbaa tahuuf godhu akka hin milkoofne karaa danda'me hundaan dura dhaabbachaa jiru.

Ololli amma jijjiirama kana dura ittiin dhaabbatuuf gaggeessa jiran kanneen jijjiirama barbaadan warra naannoo tokkoo ti. Kanaaf Oromummaan osoo hin taane gandummaan of ijaaran jedhu. Kun ummata Oromoo naannoodhaan walitti akka bu'a, wal-amantiin isaan gidduu ture akka boora'u gochuudhaan ummatni Oromoo irree tokkoon jijjiirama qabsoo saba Oromoo fuula dura tarkaanfachiisu cinaa akka hin hiriirre gochuudhaaf halkanii guyyaa olii gadi wixxifatu. Gidduu kana ammoo kan shanee kan mormuu fi jijjiirama gaafatu akka warra amantii tokko qabuu fi Oromoota biroo irratti amantiin duulanitti olola dharaa hafarsaa jiru. Dhugaan jiru garuu sochii amma ABO keessatti mul'atu kana keessatti ilmaan Oromoo amantii hunda hordofan gama lachuu jiraachuu dha. Gaaffiin dhugaa gaafatamaa turee fi jirus gaaffii amantii ykn naannoo osoo hin taane, qabsoo bilisummaa Oromoo murna SHG-S-ABO ofiin jedhaa ture, murna abdii kutate, akkaataa itti qabsoo tana fuula dura furgaasan osoo hin taane akkaataa qabsoon tun itti fuula dura deemuu hin dandeenye qofa irratti ogeessa ganna 30 olii tahe jalaa baasuu fi qabsoo bilisummaaf lammiin keenya gaggeessaa jiru abbaa qabsoo harka ummata Oromootti deebisuu dha. "Warra ganda tokkoo" ti olola jedhu irratti maaliif amantii dabalatan? Kun egaa Oromoota amantii islaamaa hordofanii fi hordoftoota amantii Kristaanaa gidduutti shororkaa ofuu dha.

Gaaffiilee murni amma Oromoo diiguuf marxifate kun gaafatamuu qaban hedduutu jira. Inni dura baroota qabsoo dheeraa dabarsine keessatti kanneen ABO dursaa turan naannoo itti hin dhalatinii fi bakka namootni naannoo isaanii hin jirretti yeroo qabsaawotni isaan filaa turan maaliif lakkii Oromoon ganda tokkoo qofti dhaaba kana gaggeessuu hin qabu, hunduu keessatti of arga jechuun dadhabame? Akka natti fakkaatutti qabsaawotni jara kana filaa fi akka isaan hoogganan aangoo itti kennaa ture kan inni itti amanu ganda osoo hin taane qabsoo bilisummaa sabaa qofa waan taheefi.

Fakkeenya biroo haa fudhannuu. Kora Sabaa hatattamaa 1998 keessatti Somaaletti godhamee yoo ilaalle qabsaawotni kora sana irratti argaman harka dhibba keessaa 90 ol dhalloota naannoo bahaa fi gidduu gala bahaa yommuu tahan fedhii fi hawwii isaanii bilisummaa sabaaf qofa waan taheef eessatti dhalate osoo hin jedhin lammii Oromoo naannoo biraatti dhalate, osoo harka kan namaa baasan kutaa ykn amantiin tahee sagalee nama diigdamaa argatuu hin dandeenne, Galaasaa, Dhugaasaa, Abbaa caalaa fi Daawud Ibsaa hooggana dhaabaa ol'aanaatti filan. Hubadhaa, gaafa sana gaaffiin namoota naannoo tokkoo jettu takkaa hin kaanee.

Akkasuma Kora 3ffaa 2004-2005 keessa Asmaraatti tahe bifuma fakkaataan osoo miseensotni Kora irraa qooda fudhatan irra jiroon kanneen Amantii islaamaa hordofanii fi naannoo bahaa fi kibba bahaa tahan, hoogganoota naannoo dhihaatti dhalatan deebisanii filatan. Gaafa kanas gaaffiin maaliif nuti Oromoonni godina tokkoo qoftiin qabsoo Oromoo wallakkaa jaarraa tokkoof gaggeessaa taana, nu malee naannoo biraatti Oromoon dirqama kana baatu hin jiruu takkaa ammoo gaaffiin maaliif baroota dheeraaf namootni naannoo tokkoo qofa dhaaba kana dhuunfaan qabatu jedhu hin kaane. Egaa ar'a kanneen jijjiirama barbaadan namoota naannoo tokkoo ti gaaffiin jedhu maaliif ka'e? Kun sababa mataa isaa qabaata. Akka armaa gadiitti haa ilaalluu.

Hunda dura murni shanee ofiin jedhu saba Oromoo kutaa fi amantiin gargar diiguu barbaadu kun eenyu waan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.

1. Abbaa Caalaa Lataa: Abbaan Caalaa jalqabuma irraa kaasee nama Oromummaa isaatiin boonu osoo hin taane leelliftuu gandaa ti. Jalqabuma kan bosona isa seensise gabrummaa Oromoo irra gahaa jiru osoo hin taane, barcumaa mootummaa Abbootiin isaa kan akka Morodaa Bakaree fi Ras Habte Mariam Gebre eghzeabeher /raasota Naqamtee/ dhuunfachuu dha. Abbaan Caalaa jalqaba irraa kaasee Oromoon godina isaatti dhalate qaroo dha, kanaaf Oromoo bulchuu qofa Osoo hin taane Ethiopia bulchuufis dandeettii kan qabu isaan qofa jedhee amana. Kana irraa kan ka'e ilmaan Oromoo naannoo biraatti dhalatan akka carraa tahee dirree qabsoo godina dhihaatti makamaa turan bifa addaa addaan hamilee buusuu fi dharaan yakkuun akka qabsoo keessaa baqatan godhaa ture. Bara chaartara mootummaa cehumsaa Asoosaa irraa kaasee guutuu Oromiyaatti bakka bu'oota jaarmaya ummataa hunda namoota naannoo isaa qofaan akka guutaman godhe. Kana malees yakka baroota dheeraa qabsoo ummata Oromoo irratti raawwataa ture kan lubbuun isa itti gaafachiisu waan taheef ABOn toohannoo isaa jalaa akka bahu gonkumaa hin hayyamu. Ummatni Oromoo waggaa miliyoonaaf gabrummaa APARTHEID fakkaatu keessa jiraatu dantaa isaa ti miti.

Qoodni inni bara 1992 qabsoon hidhannoo godina dhihaatti akka diigamtu gochuu irratti qabu kan yaadatamuu qabuu dha. Waraanni hanga taankii fi meeshaa waraanaa baranee qabu, kan waraana dirree bahaa irra heddummaatuu fi leenjisa baranee qabu ji'a tokko keessatti maaliif diigame? Sababni isaa dirree sana irratti itti gaafatama kan qaban waraana dhiisanii Finfinneetti galuudhaan sagaagalummaa fi hojii rakasha maqaa qabsaawotaatiin hin tolle irratti bobba'uu dhaan hojiin humna dagatamuu, sirna dhablummaan humna keessatti babal'atuu fi ajajootni gaaffiilee loojistiikaa fi bulchiinsaa gaafataniif qaama deebii kennu dhabuudhaan hamileen caphuu dha. Hoogganni silaa lolee lolchiisu kan akka abbaa caalaa fi Daawud maallaqa hafte fudhatanii Suudaniin bahan. Maallaqa hafe ammoo Wayyaaneef kennan. Baroota qabsoo dabran keessatti murni Abbaa Caalaan durfamu lubbuu qabsaawota hedduu sababa hin jirre uumee gaaga'aa ture. Isaan kana keessaa miseensotni Koree gidduu 3 kan keessa jiran yommuu tahu maqaa isaanii barruu itti aanu keessatti dhiheessa.Egaa ar'a murni Abbaa Caalaan hoogganamu kan jijjiirama jibbuuf.

2. Daawud Ibsaa, namni kun nama uumamaan laafaa/lousy/ tahee dha. Keessattuu erga 1981 diinaan booji'amee "summii" na oobaasan jedhee booda sammuun isaa hedduu/slow/ waan taate fakkaatti. Akka ijoollee daa'imaa ti. Waan walgahii irratti sirnaan irratti dubbatamee waliif galame, ijoolleen xixiqqoon bilchina hin qabne dhuftee lakki sirrii hin goone yoo jetteen yaada isaa jijjiira. Hundumtuu isaa gorsaa dha. Kan dabre hunda waan irraanfatuuf dhuma irratti nama itti haasawetu isa garagalcha. Kana malee qabsoo hidhannoon wal hin beeku. 1981 dirree dhaqe, baruma sana "diinaan" qabame. Yeroo diinaan qabamu ajajaa tahee tika barbaachisu humnaaf godhuu hanqachuu irraa gaaga'ame gaheef sammuu isaa jeequmsa keessa waan galteef sammuun guututti nagaa qabdi jechuun hin danda'amu.

Daawud akkuma Abbaa Caalaa gandummaa leellisa. Hoogganni isaa yoo qeeqamu, Wallaga tuqame jedhee bookkisa. Gadaa hayyuu durummaa 2ffaa booda hojiin isaa guddaan qabsaawota akka wal-basaasan wal- irratti bobbaasuu fi caasaa gandaa diriirfachuu qofa ture. Bakka dhaqe hundatti namoota ganda itti dhalatee furtuu jedhuun qaba. Isaa fardiin qabsaawaa ykn sabboonaa tahuu osoo hin taane ganda isaatti dhalatuu qofa. Bifa kanaan hojii biyya keessatti hojjatamaa turan waan qindeesseef namootni diinaaf hojjatan maadheelee keessa lixuun hanga ar'aatti qabsaawota dhugaa irratti gaaga'ama kana hin jedhamne geessaa jiru.

Caasaa gandaa diriirsaa akka ture ragaa tokko mee haa ilaallu. Nama miseensa GS-ABO ture kan Gaashaahuun Lammeessaa jedhamu fudhanna. Namni kun 1990 dhaabatti dabalame. Osoo leenjisa tokko hin fudhatin waa'ee diinaggee irratti ramadee bobbasuu eegale. Yeroo chaaratara Mootummaa cehumsaa keessaa bahamu diinaan dhuunfatamee maallaqa miliyoona 5 kan wareegamaan Baankii Dmbi Doolloo irraa fudhatame diinaaf keennee ji'a tokko keessatti mana hidhaa Wayyaanee tii gad-lakkifame. Ilmaan Oromoo hedduun qawwee isaanii irratti yommuu du'an Gaashuun lubbuu isaatiif jecha maallaqa qabeenya qabsoo saba Oromoo tahee fi dhiiga goototaan argame diina badhaasee yemmuu Suudaanitti bahu akka goota tokkootti simatamee maallaqa dhaabaan jiraachifamaa ture. Gaashuun Suudaan keessatti osoo hojii qabsoo irratti hin bobba'in jireenyuma isaa jiraachaa turee jaartii Lydia jedhamtu fuudhee LONDONitti gale. Amma sadarkaan Dawudis ol siqee dhaaba irratti mataa waan ta'ee nama ganda isaa biyya alaatti ergatu isa barbaachise. Kanaaf Gaashuu, sirna dhaabaa ala bakka bu'aa jaarmayaa biyya alaa godhee bobbaasaa ture. Kora sabaa 3ffaa booda ifa baasee bakka bu'aa jaarmaya biyya alaa jedhee ramadate. Kana booda kan ta'e egaa ifatti Koonyaa gandaa ijaaruu mul'ate. Kun kan nama agarsiisu egaa kanneen ganna 30 guutuu Oromoo akka hooggana isaatti ilaalaa ture ganda isaanii irra akka hin guddatin agarsiisa. Dhaabni kunis yaratee hafuu kan danda'e qabsaawaafi qabsoon, hojii fi hojjataa dallaan gandummaa Abbaa Caalaa fi Daawud itti gootee walitti fiduun waan dadhabameefi.

Kanaa ala murni jijjiirama barbaadu kun qabsoof haaraa akka tahee fi Oromoof qawwee dhukaasee akka hin beekne ololu. Abbaan Caalaa fi Daawud garuu qawwee dhukaasuu namni isaan gaafatu waan jiru hin fakkaatu. Dhugaan garuu jarri kun lameenuu, humna bilisummaa Oromootiif lolu malee akka waardiyyaatti dhibbootaan of marsanii osoo isaan eegan akka dhabaman taasisuu malee guyyaa tokko qawwee dhukaasanii akka hin beekne qabsaawotni dirree dhihaa isaan waliin turan ni beeku. Osoo dhukaafnes jedhanii 1992 irraa hanga ammaa ganna 18 akka tahe yaadutu natti hin fakkaatu.

Namoota lameen armaa olitti tuqe adda durummaan jijjiiramni qabsoo ummata Oromoo fuula dura furgaasu akka hin dhufne jilbeenfatanii falman maaliif jijjiirraa dura akka dhaabbatan barruu armaa olii irraa baruun nama hin dhibu. Kan tarii namoota hedduu dhibuu malu, kanneen kaleessa jaallan jedhaniin ar'a deebisanii OPDO, leelliftoota gandummaa fi warra amantiin nama qoodu olola jedhu maaliif akka oofanii dha. Kanaaf gabaabatti deebiin isaa, akkuma qabeenyi ambaa nama bira yoo bobbule kan ofii namatti fakkaatutti, murni amma shanee hooggana jedhu, qabsoon Oromoo akka waan oyruu isaanii taatetti waan fudhataniifi. Abbaa Caalaa fi Daawud Ibsaaf qabsoon bilisummaaf sabni Oromoo gaggeessu kan dhuunfaa isaanii ti. Qabsoo kana keessaa qooda fudhachuuf, sabboonaa jedhamuuf isaan si eebbisuu fi fedhii dantaa isaaniif hojjattee of mul'isuu qabda, akkuma company dhuunfaa. Fedhii sanaa ala baanaan ati gandaan deemta, ykn amantiin. Kan Oromummaaf Oromoo bakka bu'uu danda'u isaan qofa waan taheef. ABOn akka jabaatee qabsoon saba Oromoo fuula dura furgaasuu danda'u jiijjiiramni yommuu gaafatamu kanaafi kan Abbaan Caalaa fi Daawud Wallaggatti duulame, iyyaa iyya dabarsaa jechuun kan waan hin jirree uumanii lola Rwanda Oromoo giddutti qabsiisuuf kan carraaqaniif. Kanaaf qor-qalbiin akkanaa balaaleffatamuu fi dura dhaabbatamuu qaba. Qabsoon diddaa gabrummaaf Ummatni Oromoo gaggeessaa jiru kan lammii Oromoo bilisummaa dheebotee hunda akka taate jabeessinee itti himuu qabna warra hin galleef

Hidhaan 2ffaa itti fufa

Gadaan Gadaa jijjiiramaa fi injifatnoo ti

Buleegarmbaa ti