Jijjiirama ABO keessatti dhalate booda ololla tokkuummaa ilmaan Oromoo diiguuf murna shanee ofiin jedhuun qindeeffamee golee Oromoon jiru keessa bubbisu hedduu boodatti hafaa fi ciminaan dura dhaabbatamuu kan qabuu dha. Kanneen ganna 30 ol dhaaba kana taligaa turan, dhaba muratnoo fi hanqina bilchinaa irraa qabsoon ummata akka laamshoftu godhuun ala dhaaba ummata Oromoo ABO akka qabeenya dhuunfaa garee tokkootti fudhachuudhaan tattaaffii ummatni Oromoo deebisee qabsoo isaa irratti abbaa tahuuf godhu akka hin milkoofne karaa danda'me hundaan dura dhaabbachaa jiru.
Ololli amma jijjiirama kana dura ittiin dhaabbatuuf gaggeessa jiran kanneen jijjiirama barbaadan warra naannoo tokkoo ti. Kanaaf Oromummaan osoo hin taane gandummaan of ijaaran jedhu. Kun ummata Oromoo naannoodhaan walitti akka bu'a, wal-amantiin isaan gidduu ture akka boora'u gochuudhaan ummatni Oromoo irree tokkoon jijjiirama qabsoo saba Oromoo fuula dura tarkaanfachiisu cinaa akka hin hiriirre gochuudhaaf halkanii guyyaa olii gadi wixxifatu. Gidduu kana ammoo kan shanee kan mormuu fi jijjiirama gaafatu akka warra amantii tokko qabuu fi Oromoota biroo irratti amantiin duulanitti olola dharaa hafarsaa jiru. Dhugaan jiru garuu sochii amma ABO keessatti mul'atu kana keessatti ilmaan Oromoo amantii hunda hordofan gama lachuu jiraachuu dha. Gaaffiin dhugaa gaafatamaa turee fi jirus gaaffii amantii ykn naannoo osoo hin taane, qabsoo bilisummaa Oromoo murna SHG-S-ABO ofiin jedhaa ture, murna abdii kutate, akkaataa itti qabsoo tana fuula dura furgaasan osoo hin taane akkaataa qabsoon tun itti fuula dura deemuu hin dandeenye qofa irratti ogeessa ganna 30 olii tahe jalaa baasuu fi qabsoo bilisummaaf lammiin keenya gaggeessaa jiru abbaa qabsoo harka ummata Oromootti deebisuu dha. "Warra ganda tokkoo" ti olola jedhu irratti maaliif amantii dabalatan? Kun egaa Oromoota amantii islaamaa hordofanii fi hordoftoota amantii Kristaanaa gidduutti shororkaa ofuu dha.
Gaaffiilee murni amma Oromoo diiguuf marxifate kun gaafatamuu qaban hedduutu jira. Inni dura baroota qabsoo dheeraa dabarsine keessatti kanneen ABO dursaa turan naannoo itti hin dhalatinii fi bakka namootni naannoo isaanii hin jirretti yeroo qabsaawotni isaan filaa turan maaliif lakkii Oromoon ganda tokkoo qofti dhaaba kana gaggeessuu hin qabu, hunduu keessatti of arga jechuun dadhabame? Akka natti fakkaatutti qabsaawotni jara kana filaa fi akka isaan hoogganan aangoo itti kennaa ture kan inni itti amanu ganda osoo hin taane qabsoo bilisummaa sabaa qofa waan taheefi.
Fakkeenya biroo haa fudhannuu. Kora Sabaa hatattamaa 1998 keessatti Somaaletti godhamee yoo ilaalle qabsaawotni kora sana irratti argaman harka dhibba keessaa 90 ol dhalloota naannoo bahaa fi gidduu gala bahaa yommuu tahan fedhii fi hawwii isaanii bilisummaa sabaaf qofa waan taheef eessatti dhalate osoo hin jedhin lammii Oromoo naannoo biraatti dhalate, osoo harka kan namaa baasan kutaa ykn amantiin tahee sagalee nama diigdamaa argatuu hin dandeenne, Galaasaa, Dhugaasaa, Abbaa caalaa fi Daawud Ibsaa hooggana dhaabaa ol'aanaatti filan. Hubadhaa, gaafa sana gaaffiin namoota naannoo tokkoo jettu takkaa hin kaanee.
Akkasuma Kora 3ffaa 2004-2005 keessa Asmaraatti tahe bifuma fakkaataan osoo miseensotni Kora irraa qooda fudhatan irra jiroon kanneen Amantii islaamaa hordofanii fi naannoo bahaa fi kibba bahaa tahan, hoogganoota naannoo dhihaatti dhalatan deebisanii filatan. Gaafa kanas gaaffiin maaliif nuti Oromoonni godina tokkoo qoftiin qabsoo Oromoo wallakkaa jaarraa tokkoof gaggeessaa taana, nu malee naannoo biraatti Oromoon dirqama kana baatu hin jiruu takkaa ammoo gaaffiin maaliif baroota dheeraaf namootni naannoo tokkoo qofa dhaaba kana dhuunfaan qabatu jedhu hin kaane. Egaa ar'a kanneen jijjiirama barbaadan namoota naannoo tokkoo ti gaaffiin jedhu maaliif ka'e? Kun sababa mataa isaa qabaata. Akka armaa gadiitti haa ilaalluu.
Hunda dura murni shanee ofiin jedhu saba Oromoo kutaa fi amantiin gargar diiguu barbaadu kun eenyu waan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.
1. Abbaa Caalaa Lataa: Abbaan Caalaa jalqabuma irraa kaasee nama Oromummaa isaatiin boonu osoo hin taane leelliftuu gandaa ti. Jalqabuma kan bosona isa seensise gabrummaa Oromoo irra gahaa jiru osoo hin taane, barcumaa mootummaa Abbootiin isaa kan akka Morodaa Bakaree fi Ras Habte Mariam Gebre eghzeabeher /raasota Naqamtee/ dhuunfachuu dha. Abbaan Caalaa jalqaba irraa kaasee Oromoon godina isaatti dhalate qaroo dha, kanaaf Oromoo bulchuu qofa Osoo hin taane Ethiopia bulchuufis dandeettii kan qabu isaan qofa jedhee amana. Kana irraa kan ka'e ilmaan Oromoo naannoo biraatti dhalatan akka carraa tahee dirree qabsoo godina dhihaatti makamaa turan bifa addaa addaan hamilee buusuu fi dharaan yakkuun akka qabsoo keessaa baqatan godhaa ture. Bara chaartara mootummaa cehumsaa Asoosaa irraa kaasee guutuu Oromiyaatti bakka bu'oota jaarmaya ummataa hunda namoota naannoo isaa qofaan akka guutaman godhe. Kana malees yakka baroota dheeraa qabsoo ummata Oromoo irratti raawwataa ture kan lubbuun isa itti gaafachiisu waan taheef ABOn toohannoo isaa jalaa akka bahu gonkumaa hin hayyamu. Ummatni Oromoo waggaa miliyoonaaf gabrummaa APARTHEID fakkaatu keessa jiraatu dantaa isaa ti miti.
Qoodni inni bara 1992 qabsoon hidhannoo godina dhihaatti akka diigamtu gochuu irratti qabu kan yaadatamuu qabuu dha. Waraanni hanga taankii fi meeshaa waraanaa baranee qabu, kan waraana dirree bahaa irra heddummaatuu fi leenjisa baranee qabu ji'a tokko keessatti maaliif diigame? Sababni isaa dirree sana irratti itti gaafatama kan qaban waraana dhiisanii Finfinneetti galuudhaan sagaagalummaa fi hojii rakasha maqaa qabsaawotaatiin hin tolle irratti bobba'uu dhaan hojiin humna dagatamuu, sirna dhablummaan humna keessatti babal'atuu fi ajajootni gaaffiilee loojistiikaa fi bulchiinsaa gaafataniif qaama deebii kennu dhabuudhaan hamileen caphuu dha. Hoogganni silaa lolee lolchiisu kan akka abbaa caalaa fi Daawud maallaqa hafte fudhatanii Suudaniin bahan. Maallaqa hafe ammoo Wayyaaneef kennan. Baroota qabsoo dabran keessatti murni Abbaa Caalaan durfamu lubbuu qabsaawota hedduu sababa hin jirre uumee gaaga'aa ture. Isaan kana keessaa miseensotni Koree gidduu 3 kan keessa jiran yommuu tahu maqaa isaanii barruu itti aanu keessatti dhiheessa.Egaa ar'a murni Abbaa Caalaan hoogganamu kan jijjiirama jibbuuf.
2. Daawud Ibsaa, namni kun nama uumamaan laafaa/lousy/ tahee dha. Keessattuu erga 1981 diinaan booji'amee "summii" na oobaasan jedhee booda sammuun isaa hedduu/slow/ waan taate fakkaatti. Akka ijoollee daa'imaa ti. Waan walgahii irratti sirnaan irratti dubbatamee waliif galame, ijoolleen xixiqqoon bilchina hin qabne dhuftee lakki sirrii hin goone yoo jetteen yaada isaa jijjiira. Hundumtuu isaa gorsaa dha. Kan dabre hunda waan irraanfatuuf dhuma irratti nama itti haasawetu isa garagalcha. Kana malee qabsoo hidhannoon wal hin beeku. 1981 dirree dhaqe, baruma sana "diinaan" qabame. Yeroo diinaan qabamu ajajaa tahee tika barbaachisu humnaaf godhuu hanqachuu irraa gaaga'ame gaheef sammuu isaa jeequmsa keessa waan galteef sammuun guututti nagaa qabdi jechuun hin danda'amu.
Daawud akkuma Abbaa Caalaa gandummaa leellisa. Hoogganni isaa yoo qeeqamu, Wallaga tuqame jedhee bookkisa. Gadaa hayyuu durummaa 2ffaa booda hojiin isaa guddaan qabsaawota akka wal-basaasan wal- irratti bobbaasuu fi caasaa gandaa diriirfachuu qofa ture. Bakka dhaqe hundatti namoota ganda itti dhalatee furtuu jedhuun qaba. Isaa fardiin qabsaawaa ykn sabboonaa tahuu osoo hin taane ganda isaatti dhalatuu qofa. Bifa kanaan hojii biyya keessatti hojjatamaa turan waan qindeesseef namootni diinaaf hojjatan maadheelee keessa lixuun hanga ar'aatti qabsaawota dhugaa irratti gaaga'ama kana hin jedhamne geessaa jiru.
Caasaa gandaa diriirsaa akka ture ragaa tokko mee haa ilaallu. Nama miseensa GS-ABO ture kan Gaashaahuun Lammeessaa jedhamu fudhanna. Namni kun 1990 dhaabatti dabalame. Osoo leenjisa tokko hin fudhatin waa'ee diinaggee irratti ramadee bobbasuu eegale. Yeroo chaaratara Mootummaa cehumsaa keessaa bahamu diinaan dhuunfatamee maallaqa miliyoona 5 kan wareegamaan Baankii Dmbi Doolloo irraa fudhatame diinaaf keennee ji'a tokko keessatti mana hidhaa Wayyaanee tii gad-lakkifame. Ilmaan Oromoo hedduun qawwee isaanii irratti yommuu du'an Gaashuun lubbuu isaatiif jecha maallaqa qabeenya qabsoo saba Oromoo tahee fi dhiiga goototaan argame diina badhaasee yemmuu Suudaanitti bahu akka goota tokkootti simatamee maallaqa dhaabaan jiraachifamaa ture. Gaashuun Suudaan keessatti osoo hojii qabsoo irratti hin bobba'in jireenyuma isaa jiraachaa turee jaartii Lydia jedhamtu fuudhee LONDONitti gale. Amma sadarkaan Dawudis ol siqee dhaaba irratti mataa waan ta'ee nama ganda isaa biyya alaatti ergatu isa barbaachise. Kanaaf Gaashuu, sirna dhaabaa ala bakka bu'aa jaarmayaa biyya alaa godhee bobbaasaa ture. Kora sabaa 3ffaa booda ifa baasee bakka bu'aa jaarmaya biyya alaa jedhee ramadate. Kana booda kan ta'e egaa ifatti Koonyaa gandaa ijaaruu mul'ate. Kun kan nama agarsiisu egaa kanneen ganna 30 guutuu Oromoo akka hooggana isaatti ilaalaa ture ganda isaanii irra akka hin guddatin agarsiisa. Dhaabni kunis yaratee hafuu kan danda'e qabsaawaafi qabsoon, hojii fi hojjataa dallaan gandummaa Abbaa Caalaa fi Daawud itti gootee walitti fiduun waan dadhabameefi.
Kanaa ala murni jijjiirama barbaadu kun qabsoof haaraa akka tahee fi Oromoof qawwee dhukaasee akka hin beekne ololu. Abbaan Caalaa fi Daawud garuu qawwee dhukaasuu namni isaan gaafatu waan jiru hin fakkaatu. Dhugaan garuu jarri kun lameenuu, humna bilisummaa Oromootiif lolu malee akka waardiyyaatti dhibbootaan of marsanii osoo isaan eegan akka dhabaman taasisuu malee guyyaa tokko qawwee dhukaasanii akka hin beekne qabsaawotni dirree dhihaa isaan waliin turan ni beeku. Osoo dhukaafnes jedhanii 1992 irraa hanga ammaa ganna 18 akka tahe yaadutu natti hin fakkaatu.
Namoota lameen armaa olitti tuqe adda durummaan jijjiiramni qabsoo ummata Oromoo fuula dura furgaasu akka hin dhufne jilbeenfatanii falman maaliif jijjiirraa dura akka dhaabbatan barruu armaa olii irraa baruun nama hin dhibu. Kan tarii namoota hedduu dhibuu malu, kanneen kaleessa jaallan jedhaniin ar'a deebisanii OPDO, leelliftoota gandummaa fi warra amantiin nama qoodu olola jedhu maaliif akka oofanii dha. Kanaaf gabaabatti deebiin isaa, akkuma qabeenyi ambaa nama bira yoo bobbule kan ofii namatti fakkaatutti, murni amma shanee hooggana jedhu, qabsoon Oromoo akka waan oyruu isaanii taatetti waan fudhataniifi. Abbaa Caalaa fi Daawud Ibsaaf qabsoon bilisummaaf sabni Oromoo gaggeessu kan dhuunfaa isaanii ti. Qabsoo kana keessaa qooda fudhachuuf, sabboonaa jedhamuuf isaan si eebbisuu fi fedhii dantaa isaaniif hojjattee of mul'isuu qabda, akkuma company dhuunfaa. Fedhii sanaa ala baanaan ati gandaan deemta, ykn amantiin. Kan Oromummaaf Oromoo bakka bu'uu danda'u isaan qofa waan taheef. ABOn akka jabaatee qabsoon saba Oromoo fuula dura furgaasuu danda'u jiijjiiramni yommuu gaafatamu kanaafi kan Abbaan Caalaa fi Daawud Wallaggatti duulame, iyyaa iyya dabarsaa jechuun kan waan hin jirree uumanii lola Rwanda Oromoo giddutti qabsiisuuf kan carraaqaniif. Kanaaf qor-qalbiin akkanaa balaaleffatamuu fi dura dhaabbatamuu qaba. Qabsoon diddaa gabrummaaf Ummatni Oromoo gaggeessaa jiru kan lammii Oromoo bilisummaa dheebotee hunda akka taate jabeessinee itti himuu qabna warra hin galleef
Hidhaan 2ffaa itti fufa
Gadaan Gadaa jijjiiramaa fi injifatnoo ti
Buleegarmbaa ti
Sunday, August 17, 2008
Subscribe to:
Posts (Atom)