Ummatni Oromoo erga dhaadannoo, ummata tokko, biyya tokkoo fi hiree tokkitti dhaadannoo jedhu jala hiriree qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessuu eegalee ganna 34 ol tahee jira. Baroota qabsoo dheeraa dabarsine kana keessa kanneen dur Oromummaa isaaniitti qaanfachaa turan ofii saba isaanitiin boonuu danda'anii jiru. Kanneen kaleessa akka sabaatti sabni keenya ofiin of bulchuu fi hiree ofii ofiin murachuuf uumamaan mirga hin qabneetti fudhatan ar'a mirga saba isaanitiif sadarkaa of kennuu irra gahuun waan nama abdachiisu jechuu dandeenya. Gama birootiin kanneen barootaaf maqaa ummataatiin dhaadachaa turan, qabsoo saba Oromoo hoogganuuf hiree argatan sammuun gad-guddachuu fi gochaalee qabsoo saba Oromoo of duuba deebisanii fi tokkummaa saba keenyaa booressan irratti bobba'anii yemmuu agara. Kun kan mul'isu sabboonummaa saba Oromoo keessatti sadarkaa barbaachisutti akka ol hin guddatinii fi ilmaan Oromoo sabboonnoo jedhanii turre keessaa hedduun isaanii akka dhaadannootti maqaa Oromootiin dhaadachuu malee onneen akka Oromummaatti hin amanne namatti mul'isa. Haala armaa olii kana sirritti hubachuuf, adeemsa qabsoo keessatti dhibdeelee ABO keessatti mul'achaa turan ilaaluun barbaachisaa dha. I. Fottoqa Jaarraa Abbaa Gadaa: Murni kun dhibdee dhugaa ABO irraa akka bahu isa dirqite hanga ammaatti kana kan jedhamuu jiraachuu baatus, barootaaf dhagahamaa kan ture walii galtee hooggana ol'aanaa giddutti dhalate irraa kan madda tahuun ni hubatama. Waldhabbiin dhugumaan akka maqaan IFLO ibsu, kan amantii irratti hundoofte osoo hin taane, akka Oromootti hoogganni ture waliif kabajaa laachuu dhabuu fi wal-irratti amanuu dhabuun murtiilee fudhataman irratti akka waliif hin galle taasis. Hunda caalaa rakkina ture akan akeeku barootaaf miseensotni IFLO himannaa isaan dhiheessaa turanii dha. Ifatti bahanii Oromootni naannoo biraatii dhufan ykn dhalatan naannoo keenyaa maal godhan? Warra Hawaas gamaa waani jedhu irra deddeebi'ee dhagahamuu dha. Kun egaa kaayyoo Islamaa tarkaanfachiisuu osoo hin taane, wal dhabbii hooggana gidduutti dhalateen rakkoon gandaa akka akeeka isaanii tarkaanfachiisuuf tolu keessa makachuu fi dhibdee dhalate hundaaf ganda biroo sababa godhanii dhiheessuun tooftaa miseensa horataniin godhachuu dha. II. Murna Galaasaa Dilboo/ Qaama Cehumsaa 1ffaa/. Murni kun ABO irraa fottoquuf sababi dura dhiheeffate guddaan hoogganni ture kaayyoo irraa maquu fi qabsoo hidhannoo ganee Itoophiyummaa fudhachuu dha kan jedhu ture. Adeemsa keessaa fi bakkasummatti dhugaan barre hanga ar'aatti murni kamuu kaayyoo bilisummaa Oromoo lagatee diinatti harka kennuu dhabuu dha. Sochii murna QC irraa kan barre, dhibdeen isaanii guddaan namni ganda keenyaa tuqame kan jedhu akka tahee fi akeeka isaanii bakkaan gahuufis, dhibdee qabsoo Oromoo mudachaa ture furuu fi qabsoo fuula dura tarkaanfachiisuuf sagantaa Oromoota hunda yaada tokko jalatti walitti qabu osoo hin taane lagaan wal-ijaaruudhaan kanneen akka masaanuu/oppossiton/ fudhatan irratti duuluu ture. Murna QC qabsoon Oromoo sakaalamuu fi dararaan saba keenya irra gabroomfataan gahu hammachaa deemuu osoo hin taane, murni Daud fi "ijoolleen Arsii" waliif galanii Galaasaa Dilboo aangoo irraa konkolaachisuu ture. Haaloo kana bahachuuf qabsaawaa ilma Oromoo J. Gishuu Jaarraa ganna 20 falmaa irratti dabarse "ijoollee ganda sanii" maqaa jedhuun rasaasaan tumanii akka hin awwaalamne godhanii reeffa isaa allaattiis kennan. Kanneen isa waliin bahan diina keessatti hidhatnoo irraa hiikanii biyya naannoo itti dhalatan irraa fagootti gad dhiisan. III. Murna Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa/Qaama Cehumsaa 2ffaa/. Murna ar'a qabsaawota bittinneesse qofaa isaa kan hafee fi lagaan/gandummaan/ Oromoo ijaaruu kan jalqabeef aangoon isaanii kanneen isaan booda dhaabatti dabalamanii ABO keessatti guddinaa fi jijjiirama barbaadaniin waan gaaga'amuu isaa ti. Akkaataa itti ijaarsa gaggeessanii fi kan isaan irraa yaadaan adda tahan irratti olola summii facaasan yommuu ilaallu, Oromummaan ittiin dhaadataa turan akka huccuu ittiin of golgan malee onneen akka itti hin amanne mul'isa. Ifa bahanii Gosa Oromoo tokko irratti duula tokkummaa fi nagummaa Oromoo gaaga'u gaggeessuun Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti qabuun akka hiree isaa ofiin murteeffatu godhuu waan jedhuuf dantaa akka hin qabne agarre. Dabballoota isaanii bobbaasanii ummata guddaa "ganda akka titisaa fi hoolaa wal-jala yaa'uu" jedhanii yaamuu fi tuffii diinni keenya nuuf qabaachaa ture agarsiisaa deebi'anii akka Oromummaa irratti nama ijaaruu hin dandeenye waan wallaalan natti hin fakkaatu. Osoo Oromummaan hunda dursee, kanneen kaleessa qabsoo keessatti qooda guddaa kennaa turan manaa fi jireenya isaanii lagatan guyyama tokkotti hirribaa ka'anii osoo diina akka hin taane beekan maqaa isaanii hin yakkan turan. Nmani dhugaa sabaaf falmu, dhugaa qabsaawaa tokkoo hafnaan kan alagaatuu hin haalu. Osoo dhugaa Oromummaan murna "shanee" /QC ffaa/ biratti ni dursa tahee kutaan Abbaa Caalaa fi Daud qofti Oromummaaf amanamaa, kan Oromummaa nama muuduu fi nama mulqu, sabboonummaan nama cuuphuu fi gad-nama buusee leelliftuu gandaa hin godhan turan. IV. Jaarmayota baroota garaa garaatti ABO irraa fottoqanii maqaa baafatan irraa komiin himatamaa ture, bifa kan olii fakkaatuun gandummaan dhiibamuu dha. V. Dirree qabsoo fi naannoo Oromoo addaa addaa keessatti akka hubachuu danda'etti, dhibdeen kun bakka hundaa jiraachuu namootni naannoon qabsaawaa fi goota biyyaaf lola wal godhuun numa jira. Keessatti yeroo tokko hooggana ABO baroota dheeraa qabsoo keessa turan irraa wanni arge kan hedduu nama ajaa'ibu. Kutaa tokko irraa gama kutaa tokkootti humni waraanaa yommuu tarkaanfatu hoogganoota WBO keessaa kanneen ganda keenya miitan, keessan ammoo itti hin dubbatan jedhan ijaan arguu kiyya. Kana irraa wanni xiinxale, jalqaba qabsoo keenyaa irra wixineen akka badde, Oromummaa dursuun hanqate fakkeessaanii waliin jiraachaa akka turanii dha. Dhugatti qabsaawaan ganda itti dhalate hin qabaatu hanga qabsoon bakka geettutti, osoo tarkaanfii keenya Oromummaa cimsuu irraa kaane tahee. Rakkoo armaan Olitti tuqman kana maaltuu fide? Kanneen bilisummaa saba Isaanitiif lubbuu kennan dantaa gandummaa irraa akamitti walaba tahuu dadhaban? Kanneen Oromoof duuna jedhan akkamitti Oromuummaa of-wareeguuf qophaa'aniif sana hunda caalaa kabajuu dadhaban? Kanaaf Sababni A. Muuxannoo hoogganootni keenya bulchiinsa alagaa jalatti horatan fi qorqalbii haala guddina isaanii irraa dhalate. Hoogannootni ABO hedduun qabsoo kana jalqaban, bara Haylessillassie mana barnootaa keessa kan turanii dha. Bara sanatti ilmaan Oromoo carraa barnootaa argatan hedduu xinnaa tahuu irra dabre kutaaleen namni tokkoo mana barnoota ol'aanaa keessaa ilma tokkos hin qabaanne jiraachuu hubatama. Kanneen bara sanatti baratan kan of biratti ilmaan Oromoo kun argaa turan ilmaan dureeyyii ilmaan nafxanyaa qofa ture. Jarri kun lammii isaanii fi habshoota biratti hedduu kan quudhamuuf ture. Ilmaan Habashaa keessaa akkamitti "gaallaan" sadarkaa kana gaha jechuun tuffii tahus, isaaniif garuu lammii isaanii miliyoona hedduu keessaa sadarkaa sana gahuun akka dhaloota addaatti akka of ilaalan isaan godha. Saba Oromoo keessaan ol'guddatan osoo hin taane akka saba Oromoo qonnaan jiraatu irraa ol'guddatan taasise. Kun kanneen hireen seenaa hooggan Oromoo isaan hakatti galche of-tuulummaan akka guutaman godhe. Dirree qabsoo adda addaatti gaaffii ummatni hubatnoo dhaba irraa fi sochii dhaabni ummata keessatti godhaa ture irraa quufa dhabuun gaafatan, akka waan ol'aantummaa isaanii dura dhaabbatameetti ilaaluun qotee bulaa Oromoo badii malee afaan fuudhanii maallaqa humnaa ol adabuu, loon irraa saamuu fi humna waraanatiin itti duulanii murruq gochuu bakka hedduutti mudate. Kanneen miseensa tahuuf dhaabatti dabalaman dirree leenjisaa keessa osoo jiranii fi sanaa alas erga miseensa tahanii ala ir'ina adeemsa qabsoo irratti yaada dhiheessan "amala farra warraaqsaa qaba" ykn harka diinaatu keessa jiru yakka jedhuun hamilee cabsuu irra dabree lubuu gaaga'uu bakka hedduutti mudate. Amalli kun kan ar'a murna "shanee " qullaa dhaabee fi qabsoo saba keenyaas gaaga'uu irra gahee dha. Dirree qabsootti irra deddeebi'aa akka argetti kanneen dhaaba hoogganaa turan kallattiin ummata fuula dura taa'anii mari'achiisuu fi jiruu fi jireenya isaa waliin mari'achuu arguu dadhabuun kiyya rakkoo kana sirritti akka hubadhu na taasise. B. Walbeekkomsa dhabuu: Kanneen hooggana ABO turan, jaalannuu fi abaarru hedduun isaanii haala jireenyaa fi safuu Oromoo naannawa adda addaa irraa hanga ar'aatti beekkomsa gahaa akka hin qabne ifaa dha. Kanaaf sabani haala eegalamuu qabsoo Oromoo Oromiyaa keessa turee dha. Gadaa Oromoo diigamee sabni Oromoo bittinaa'e. Kanneen qabsoo jalqaban ummata uumaan tokko tahe, yaddaan gargar bahe ijaaruuf tahus, ofii isaanii naannoo itti dhalatanii ala haala jiruu fi jireenya Ormoota godina adda addaa keessa qubataniif keessummaa tahuu isaanii ti. Seenaa Oromoo barreeffame baratanii ittiin guddatan jiraachuu dhabuu irraa irra jiroo waanuma Amaarri Oromoo jedhaa ture samuutti kuufatan. Yeroo xinnaa ture wanni an dhagahaa ture, Oromoo Wallagaa akkasi, Oromoo Arsii, fi Gujii nama Murata, Wallo akanaa fi Shawaan akkasii Amaara tuffiin Oromoo fi Oromummaa ilaalu irraa dhagahaa ture. Kanneen qabsoo saba Oromoo hoogganuuf akka tasaa carraan irratti kufe waa'ee ummata isaanii tolchanii hubachuu dhabuun naannoo itti bobba'anitti ummatatti daddaffiin makamuu dadhabuu akkasuma addaan biyyatti keessa ture booddeessaa kan barate ummata irraa dhalatee olitti of ilaalu keessatti guddachuu isaanitiif kanneen kutaa adda addaatii dhufanii qabsoo Oromoo finiinsuuf walgahan hojii qabsoo gaggeessuu fi wal-barachuun waliif quudhuu akkasumas walitti amantii horachuun qabsoo biroo itti tahe. Baroota qabsoo keessatti kanneen yaamicha sabaa kana fudhatan, akka carraa tahee naannoo itti dhalatan irraa fagaatan, kanneen naannootti dhalataniin wal-fudhachuu dhabuun alaan alaa akka jiraatan, dhibdeen kun ammoo ummata keenyatti gad-dhimmisaa adeemee nu tortorsee ajaawuu jalqabuun dhufe. Kanneen naannoo isaaniitti qabsoo eegalan kanneen naannoo birootii dhufan akka raajiitti ilaaluu fi wal hubatnoo dagaagsuu irra irraa fagaachuu akka filmaataatti fudhatan. Hubanootaaf akka tolu yeroo tokko waan hoogganni dhaabaa ol'aanaan anaa dirree leenjisaatii bahe naan jedhu tuquu barbaada. " Maali aabbee nammotni naannoo keessanii dhufan nama loluu guddatanii" naan jedha. Ija isaatiin namni kutaa an itti dhaladhee hundi namuma lola, namaan waliif hin galu. Osoo dhaaba sirriitti hin barin hooggana irraa kana dhagahe. C. Hoogganni laaloo/ Vission/ dhabuu: Kanneen saba Oromoo bilisoomsuuf ABO bu'ureessan, barootaa dhaaba kana hoogganaa turan fuula duraaf biyya akkamii akka ijaaranii fi akkamitti akka tikisan yaaduun hafee humni bilisummaa isaan hoogganan akka itti gurmuu /tokkummaa/ cimaadhaan qabsoo finiinsuu danda'u itti yaaduu dhabutu guddisee calqise. Qabsoon ABOn gaggeessaa jiruu fi ture, diina gabroomfataa buqqisanii bilisummaa Oromoo labsuu qofa osoo hin taane, saba gabrummaa bar-dhibbee duudhaan isaa laaffatte deebisanii ijaaruu akka tahe tolchee beekuu qaba. Saba Oromoo fi biyya Oromoo deebisaanii ijaaruun/nation building/ hunda dura kan barbaadu saba Oromoo fedhii gamtaa /Bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaa/ jalatti hiriirsuun hunda dursuu qaba ture. Afaaniin biyya ijaara jechaa lafa irratti ykn bifa mul'ataan /practically/ jalqaba irraa kaasee tokkummaa sabaa wixinee yoo hin godhanne ummata kaayyoo tokko jala hiriisuu akka hin dandeenne hubachuu hanqachuu hoogganaattu mul'ate. Kan laaloo/ Vission/ ifaa qabu/ haala Oromoo naannoo hundaa beekuudhabuun gufuu guddaa itti hin uumu ture. Namni ykn qaamni kamuu ummata isaa tokkoomsee biyya gabrummaa alagaatiin diigamte deebisee ijaaruu barbaadu hunda caalaa ummata isaa ijaaruu, tokkummaa isaa fardeessuu beekuutu irra ture. Kanaaf hoogganni qabaachaa turre ulaagaa kana guutee hin jiru. Ummatootni akeeka dhaabbataniif bakkaan gahan hundi nama jabaa/ hooggana/ murataa waan jedhe hojiitti hiiku qaban. Ummatni akka daawitii hooggana of-duratti ilaala. Hoogganni dhugaa sabaaf of kenne "Kompasii" ummataa ti. Hooggaanni ABO ture haala jiruuf jireenya Oromoo waan ilaaluu beekkomsa guddaa irraa ka'uu baatus, Oromoo fi qabsoo bilisummaa saba keenyaas eessaan akka gahuu barbaadu ofiifuu wallaaluun isaa akka lammiin Oromoo afanfaajjawu taasise. D. Qarummaa fi dandeettii ummata ijaaruu dhabuu: Kun akkuma jechu ibsutti dandeettii/intellect/ dhabuu ykn Oromummaa fardeessuu dhabuu irraa kan maddee dha. Hoogganni dhaabaa baroota dheeraaf himannaan hooggaani jiru ilmaan Oromoo hunda biratti kabajaa dhabuu fi gungummii dhiibbaa naannoo jedhuuf gurra kennuu dadhabuu, wallaalummaa hoogganummaa/ doofummaa ogummaa hoogganummaa/ ykn Oromummaa fi qabsoo saba Oromoo tiksuu akeeka duraa godhachuu dhaabuu yoo taate malee sababa biraa kennuufiin hin danda'amu. E. Sabboonummaan Oromoo dagaaguu dhabuu: ABOn gaaffa ijaaramu, sabboonummaa Oromoo finiine bifa abbaa biyyummaa dhuunfachuun mirkaneessuutti ceesisuuf qabsoo hin eegalle. Sabboonummaa ummata Oromoo duulli gabroomfataa, karaa hacuuccaa siyaasaa, aadaa, hawaasummaa fi diinadgeen hadooche deebisee kakaasuu tahuu qaba ture. Qabsoo ABOn gaggeessaa turetti karaa hojii siyaasaatiin akki itti ummatatti dhihaachaa turaname, akkumma ummata sabboonaa beekaa cal'isee humnaan dammaqsuu bifa fakkaatuun ture. Hoogganni ture, sochii ummata sabboonummaan gubatuu gaggeessuun kan hin milkaa'in tahus ofii fakkeenyaa gaarii tahuu dhabuun ummatni keenya haalli adeemsa qabsoo akka bitaa itti tahu godhe. Ummata ijaaranii dammaqsuu irra, kan tahaa ture, ummata irraa fagaatanii ummata komachuu, ummatni Oromoo uumamaan dadhabaa dha jedhanii yakkuu fi kanneen hoogganatti dhihaatanii maaliif kun tahuu dadhabe jedhanii gaafatan ati eessa turte jedhanii qaanessuun walgahii hundaa irratti mul'ataa ture. Yeoo tokko miseensa dhaaba keessaa maaliif akka dhaabni dirreetti/ Oromoo/ gidduutti deebi'ee qabsoo gaggeessuu dadhabe gaaffii jedhuuf deebiin Abbaan Caalaa deebise "isin maaliif dirree hin dhaqne, hooggana dhaabaa "mercenery" maallaqaan bitamee nama ajjeessu seetan moo" jedheen. Hooggaani keenya jaamaa ija hin qabne jaamaa masakuun walfakkaate. Dhuma irratti wanni hubatamu hoogganni qabsoo ABO gaggeessaa ture, sadarkaa muratnoo, sabboonummaa fi bilchinaan Oromoof fakkeenya tahee qabsaawota duulchisuuf dandeettii dhabuun ifatti mul'ate. Rakkoon gandummaa kan kutaa tokkoof kenninu osoo hin taane, haala gabrummaa keessa turuu fi gaaddisa mootummaa saba Oromoo hunda akka maatii tokkootti walitti qabu dhabuu irraa tahus qabsoo hidhannoo jalqabnee ganna 34 booda deebi'ee kan mul'ateef hooggana saba Oromoo sadarkaa tokko irraa kan itti aanutti ceesisuuf fedhii, dandeettii, hubannootaa fi beekkomsa akkasumas muratnoo qabu dhabuu keenya. Akeekni barruu kanaas gootota ilmaan Oromoo takka of duuba osoo hin ilaalin diina maancaasaa turanii fi lubbuu isaanii kennan kan dhaaba kana hoogganaa turan hunda walitti qabee yakkuu osoo hin taane akka jaarmayaa fi murnaatti wareegamni dhaabni kun baasee fi sadarkaa qabsoon saba Oromoo keessatti kufte yoo ilaalle, ir'ina bifa hooggana waloon jiru irraa wareegamni ilmaan Oromoo bakka dhabaa akka deemaa jiru hubannee adeemsa qabsoon Oromoo keessa dabarte qorachuun akka sabaaatti gaaga'ama guddaa irraa akka of oolchinuufi. Haala tuqame kana irraa ar'a tokkummaan Oromoo gaaga'amaa jira. Dhugaatti yoo amanne, ar'a sadarkaan Oromoon irra jiru kan 1990 gadi. Hooggana waloo Oromoo hunda bakka ba'u qabna osoo hin taane hooggana naannoo qabna. Kana jechuun kanneen haala amma keessa jiru kanatti saba Oromoon deemuu danda'an dhabamuu osoo hin taane, adeemsa jalaqaba irraa jallate ar'as akka qajeellee hin tarkaanfanne nu godhuu isaa ti. Hoogganni barootaaf ture dhibdee dhugumaan qabsoo Oromoo sakaalte qoratee akeekuuf dandeettii fi fedhii dhabuu irraa akka daran Oromoon wal[-diigdu godhaa jiraachuu dha. Ar'a Oromoon kan dallanu Oromootu tuqameef osoo hin taane namni ganda isaa tuqamuudhaa ni. Kana kan nu mude, Oromoo akka sabaatti wallaalaa osoo hin taane hooggana maseena fi jallataa jalatti kufuu keenya. Hooggani Oromoo walitti qaba jedhu, ilmaan Oromoo gandaan adda qoodee Kutaa akkasiitti qabsoo Oromoo dura dhaabbate jedhee akka diinaatti Oromoo yakku diigaa dha. Dabaree dabaree haa tahu malee kutaan hanga ammaa irratti hin duulamin hin jiru. Haala amma deemu yoo ilaalle, hoogganni "shanee" Arsiin Kutaalee Oromiyaa, Arsii, Baale, Harargee fi Shawaa keessa qubatu dhaabaa fi qabsoo Oromoo akka ganee fi diina waliin hojjatutti haasawa. Waanumti "shaneen" jettu hundi osoo dhugaa tahellee, dhaaba Oromoo ijaaruu fi tokkummaa isaa tiksuuf ganna 34 qabsoo gaggeesse ilmaan Oromoo keessa gandi akkasii dur bilisummaa leellisaa ture qabsoo gane jechuu qaanii tahuu qaba ture. Osoo akka isaan jedhan ummatni kutaa fi gandaan Oromummaa dhiigaan qabu lagatas tahee kun kan agarsiisu hammeenya ummataa Osoo hin taane hooggana dhabuu Oromoo agarsiisa. Hoogganni akka diinaa ummata siif qabsaawa jedhuun tuffatu, diinummaa isaa labsu ammoo diinaan gar-gar tahuu hin danda'u.
Waaqni Oromoo dhugaa Oromoo haa Tiksu
Abbaa Goolee
Saturday, October 18, 2008
Subscribe to:
Posts (Atom)