Friday, September 19, 2008

Gochaan malee Uumamaan diinummaan hin jiru, Gochaa Murna "Shanee" ilaala.

Adduunyaa kana irratti ilmaan namaa kan wal-dura dhaabaa ture, walitti diinomsee fi akka bineensa wal-fixuu irra dabranii sanyii wal-duguugutti akka aggaamatan godhaa ture uumaa osoo hin taane gochaa isaan wal irratti raawwatanii dha. Tokko qabeenya kan biroo humnaan saamee jiraachuuf hawwuu fi duula kanneen humna hin qabne irratti labsuun, akka ilma namaatti kabajaa isaan uumamaan qaban dhoorkachuun ilmaan namaa akka hantuutaa fi adurreetti wal-ilaalan godhe. Haalli yeroo ammoo mooraa qabsoo keessatti mul'ataa jiru kanuma nu agarsiisa. Murni Daud Ibsaa fi Abbaa Caalaatiin durfamu, barootaaf WBO bilisummaa Oromoo akka diigamu shira dalagaa turan irra dabranii ar'a isaan Oromoo hoogganan malee Oromoo wanni jedhu akka hin jiraanne lammii Oromoo walitti diinomsuudhaan akka tokkummaa saba keenyaa bifa salphaatti walitti suphuu hin dandeenneen diigamu halkanii guyyaa hojjachaa jiru. Duulli Oromoo diiguu kun bifa hedduun lafa jala kan deemaa jiru yommuu tahu, kan amma ifaatti adeemu jiru keessaa; 1. Ilmaan Oromoo dhalootaan naannoo Arsii tahan ifatti bahanii arrabsuu dha. Kun yeroo ammaa ifatti mana paltalk "Galma Qabsoo" jedhamu keessatti miseensota ABO murn "Shanee" jala hiriiraniin bal'inaan kan adeemsifamu yommuu tahu ajaja gubbaa irraa Daud Ibsaa, Abbaa Caalaa Lataa fi Tamaam Yousufiin dabru akka tahe hubachuun nama hin dhibu. Olola Gosa Oromoo Arsii irratti oofamu keessaa inni dura ummatni kun dhibba irraa harki sagaltama OPDO akka tahee fi waan qabsoo jedhamus duri irraa kaasee akka hin beeknee dha. Hunda ilmaan Oromoo naannoo Arsii Juneeydii Saaddootiin walitti hidhu. Naannoo Arsii keessaa Juneeydii Saaddoo OPDO tahuun akka waan namni Gosaa ARSII tahe hundi OPDO tahuu dhaalutti. Kanaaf harki dhaabaa akka keessa jiruuf ragaan guddaan warri mana kana gaggeessan miseensota dhaabaa kan akka Onnee/Juneeydii/ dura taa'aa Kutaa ABO USA fi Canada /murna shanee/ fi miseensota akka Aannanee /haadha manaa Ganatii Dheeressaa/ nama maqaa paltalk "oromticha_8 jedhuun seenu dhalootaan Horroo/ fira Gaashaahun Lammeessaa kan tahe, dura MN jiraataa ture, Moosisaa fi Buruyso kanneen jedhaman miseensota dhaabaa fi qunnamtii dhaabbataa warra Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Tamaam Yousuf waliin qabanii dha. Kan namaaf galuu hin dandeenye ololli gosa tokko irratti xiyyaafate kun bu'aan isaa maal akka tahee dha. Namoota birootiif ifaa tahuu dhabus, ololli amma gosa Arsii irratti xiyyaafate kun murna "shanee Gumii" ofiin jedhuun walgahii irratti kan bal'inaan irratti mari'atamee fi ilmaan Oromoo dhalootaa bahaa tahanii fi Oromoota Arsii gidduutti jibbaa kana hin jedhamne uumuudhaan fuula dura haala amma deemaa jiru kana dhuunfachuu dadhaban lamuu akka ilmaan Oromoo wal-hin amannee fi qabsoon bilisummaa Oromoof godhamu akka laaffatuufi. Kana booda, kun isinitti himne warra akkasii fi akkanaattu qabsoo diige jechuudhaaf. Ololli kun tuffatamee irra dabramuu qaban kan jedhan hedduu tahanis miidhaa guddaa geessuu isaa ifaa dha. Akkuma gubbaatti jedhe, ilmaan nama kan diina walitti godhu waliin dhalachuu fi dhiiga tokko tahuu osoo hin taane gochaa dha. Kabajaa waliif dhabuu fi walxiqqeessuu dha. Nama tokko irratti duulamu irra dabramuu danda'a. Gosa guutuu irratti duuluun garuu gaaga'ama guddaa fida. Ilmaan Oromoo hedduun maqaa OPDO fi ergamaa diinaa jedhu diddaa harka kennuu didanii boombii ofitti dhoosan, biyyaa baqatan, qabeenyaa fi maatii isaaniin addaan bahan dimshaashumatti OPDO jedhanii gosa isaanii walitti qabaan maqaa kennuufii caalaa kan itti dhagahamu hin jiru. Osoo akka hawwii Abbaa Caalaa fi Daud tahee Wayyaaneen ofumaaf kuftee warri Eritrea murna "shanee" galma Minilik qubsiisa tahee duulli sanyii duguuguu ummata ARSII irratti hin raawwatamu jechuun hin danda'amu. Baalee fi Arsii Rwandaa tahuu dandeessi. Ummata fincila diddaa gabrummaa keessatti bakka ifaa qabu, ummata gabroomfataaf jilbiinfatuu didee harkaa miilli murame, ummata seenaa boonsaa qabu kana maqaa kana itti mooggaasuun murni shanee ofiin jedhaa ture hangam kabajaa saba Oromootiif akka hin qabne agarsiisa. Murni Booddessaan Abbaa Caalaa fi Daudiin durfamu kun akka barootaaf mooraa qabsoo diigaa fi sabboontota facaasaa ture, ar'as ummatni keenya akka diina walitti tahee ilkaan walitti ciniinnataa adeemu gochuu kan gosa tokko qofa miidhu qofa osoo hin taane qabsoo oromoo fi fuul-duree saba keenyaa kan dukkaneessuu dha. Murni "shanee" nama tokko Juneeydii Saaddoon OPDO gosa tokkotti galchuu barbaadu, Nagaasoo Gidaa irraa kaasee miseesnota dhaabaa kan turan firoottan isaanii hedduun OPDO hojjataa turuu fi Goobanummaan bifa haarayaan akka dagaagdu barnoota kennuu yaadatuu laata.? 2. Ololli biroo bal'inaan ar'a waajjira "Hayyuu Duree" fi Abbaa Caalaa irraa gaggeeffamu kanneen dhaaba kana keessatti jijjiiramni saba Oromoo aanga'oomsu uumamuu qaba jedhan hundaa diina irra akka maallaqa fudhatanii qabsoo Oromoo irratti bobba'anii dha. Kun dhibbaa dhibbatti kijiba tahuu osoo beekan akka gadoota qabsoo dabran, qabsaawotni adeemsa keessa waliin deemuu dadhaban gonkumaa akka fuula dura dhimma Oromoo irratti walitti dhufanii hin hojjanne summii gidduu naquuf kan tilmaammatan yommuu tahu fottoqa Jaarraa Abbaa Gadaa irraa kaasee kan mmurni booddeessaan kun itti milkaa'ee dha. Ar'a kanneen baroota dura ABO irraa bahan yommuu haasofsiifnu wanni dhageennu, ABOf akka jibbaa hin qabne, garuu lammata dhaaba kanatti hanga namootni farra tahanii qabsaawota facaasan jiranitti akka hin deebinee dha. Kun kan mul'isu ar'a kanneen jaarmaya /ABO/ keessaa yeroo irraa yerootti harca'aa turan kaayyoo fi dhaaba irraa rakkoo akka hin qabnee fi murna booddeessaa kanaan akka dhiibaman, maqaa xureeffamanii lammata of duuba deebi'anii jaarmaya kana akka hin ilaalle akka taasifamanii dha. Ololli kun bal'inaan itti fufee jira. Asmaraa irraa guyyaa hunda osoo addaan hin cinne bilbilli namootatti dhahama. Sagaleen dhagahamu" kun ebalu, waajjira hayyuu duree irraa bilbilaa jira, kanneen jijjiirama jedhan maallaqa miliyoona hanganaa diina irraa fudhachuu dhageettee, mee isaanitti dabalamuu dura irra deebi'ii yaadi" jedhu. Kan nama ajaa'ibu, dhaaba caayaa sabboontotaa ture kana keessatti, bakka bu'oota gandaa ijaaruu isaanii ti. Namni isaan namoota naannoo Shawaatti dhalatanitti bobbaasan namuma Shawaatti dhalate. Kutaaleen hundi "Waajjira Hayyuu Duree" keessatti bakka bu'aa qabu. Kan isaan rakkise garuu humna booddeessaa kanaaf namni hojjatu dhabamee nama Kutaa sadiihuu keessa dhufe dhabuu isaanii ti malee. Eegaa kun kan agarsiisu, qabsaawota wal-irratti diinomsuu malee waajjirri Hayyuu Duree karoora qabsoo akka hin qabnee dha. Namootni isaan ar'a irratti bobba'an hedduu qabsoo kana keessatti qooda guddaa kennaa kan turan, sadoo isaanii irraanfatanii ummataaf kan of kennan, baroota hedduuf kan qabsoo hidhannoo keessaa qooda fudhatanii dha. Fakkeenyaaf Ajajaa Zoonii Kibbaa, kan miseensa Gumii Sabaa ABO tahe, dura SBO irratti dhiheessuun faarsaa turan guyyaa inni gochaan "shanee" diigaa akka tahe dubbate "embassy Ethiopia" oole jedhanii bakka hundatti labsan. Abbaa Nagayaa Jaarraa isaan halkanii guyyaa diina waliin akka harka qabuu irratti ololan, nama gaafa Abbaan Caalaa fi Daud humna 10,000 facaasanii maallaqa hafe humna dirreetti hafe jalaa fudhatanii Sudanitti bahan bosona Oromiyaa bahaa fi kibba bahaa keessatti humna duulchisaa turee dha.Hedduun isaan maqaa balleessuuf marxifatan kun yeroo Daud Ibsaa Nairobii keessatti Faaxee jimmaa waliin sagaagalu, whisky habbuuqatu dirree keessatti kophee malee warra deemaa turanii dha. 3. Oromoota dhalootaan naannoo dhihaa tahan hunda qunnamuun Oromoon naannoo Arsii isin dhabamsiisuu barbaadaa maal eegdan jechuun shororkaa uumuu; Ololli ilmaan Oromo walitti buusuu hafarsamaa jiru kana kan kallattiin gaggeessu Abbaa Caalaa Lataa yeommuu tahu, biyya alaa bakka hundaa fi namoota dhihaatti dhalatan kan OPDOf hojjatan hundi osoo hin hafin duula kana irraa akka qooda fudhatan kakaafamaa jiru. Wal-dhabbii dhaaba keessatti dhalate, kan qabsoo fuula dura oofuu fi bakkuma jiranitti ta'aau irraa madde waldhabbii amantii godhanii dhiheessuun kanneen amantii Islaamaa hordofan kanneen Amantii Kristiyaanaa hordofan irratti akka duuluuf qophaa'aa jiranitti olola dharaa hafarsu. Kanneen duraan takka yaadatanii hin beekne, Waldaa Amantiitti galanii bakka Oromoo gahe hunda lagachaa turan waraana gandaa godhanii Oromoo walitti bobbaasuuf dharaan ijaaraa jiru. Qabxiilee armaan olii kana irraa waa lama hubanna 1. Murni "shanee" Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa durfamu aangoof jecha ilmaan Oromoo Tutsii fi Huutuu 1990 ta walitti godhuu irra akka hin deebinee dha. Qabsoof kana godhan akka hin jenne, aangoo qabsaawotni itti kennaniin asiin dura hojjatanii isaan irraa kan agarre qabsaawota facaasuu fi qabsoo hidhannoo biyya keessaa akka baatu gochuu waan ta'eef. Kana malee murni kun leelliftoota ol'aantummaa ganda tokko malee sabboonummaa wanni jedhu dhiiga isaanii keessa akka hin jirree dha. Osoo sabboonaa tahanii, aangoo mulqamnee qofaaf fuula dura akka gonkumaa lammiin isaanii waliin dhaabbachuu hin dandeenya summii hin facaasan ture. Osoo dhugumaan qabsoof yaadanii yaada qabsaawotaa fi ummata Oromoo fudhatanii dirqama qabsoo hoogganuu dhaloota haarayatti dabarsuu turan. Osoo qabsoof yaadanii ganna 18 guutuu Abbaan Caalaa fi Daud baqattummaa keessa taa'anii qorannoo tokko fi hooggana malee biyyatti erguun irbaata rasaasa diinaa hin godhan turan. Osoo qabsoof yaadaanii dhiheenya kana naannoo Booranaatti kanneen miseensota WBO turanii waldhabbii dhaaba keessatti taheen murni "shanee" afanfaajjesse "warra jijjiiramaatti harka hin kenninaa, diinatti galaa" jedhanii dirqama hin kennan turan. Silaa osoo dhigaa qabaatanii qabsoo hidhannootti amananii humna diinatti galchan kanaan, ciniinnadhaa lolaa humna lachuu jedhu turan. Kana agarru, Abbaa Caalaa fi Daud qabsoon hidhannoo hafnaan Oromummaatti hin amanan jechuun ni danda'ama. isaan leelliftoota gandaa maqaa Oromummaa golgaa godhatanii dha. 2. Murni "shanee" kun gonkumaa karoora hojii fi laaloo/vission/ kan hin qabne tahuu dha. Fakkeenyaaf namni yeroo ammaa isaan hayyuu dha jedhanii oliif gad ergatan, kan dur-dirree qabsoo keessaa ganee qabsaawota dhiiga dhangalaasisaa ture "Dr." Bayaan Asoobaa haasawa deeggartoota "shanee"f naannoo DCtti godhe keessatti kanneen ganna 30 ol qabsoo keessa turan nammootni ganna lama dhaaba keessa hin turin aangoo irraa fudhachuu anaannatee dubbachuu malee qabsoon saba Oromoo akkamitti akka fuula dura deemtuu fi salphina akka sabaatti keessa seenne keessaa akkamitti akka baanu jecha tokko hin darbanne. DAUD IBSAA fi ABBAA CAALAA sabni Oromoo salphina keessa jiraachuuyyuu waan hubatan natti hin fakkaatu. Bayaan Asoobaas yommuu dubbatu, kanneen gana 30 qabsoo saba isaanitiif hojjataa turan akkamitti kanneen kaleessa dhufan bakka isaanii dhaalani malee kanneen inni nutti faarsuu barbaade Abbaa Caalaa fi Daud Ibsaa sagalee rasaasaa erga dhagahanii umrii gammeessa tokko gahuu fi dirree qabsoo erga arganii ganna 18 tahuu dha. Bayaan Asoobaaf Asmaraan Bosona Wallagaa, Baalee, Arsii, Harargee ............ itti fakkaata. Kanneen ar'a Murna "shanee" kaleessa hooggana keenya jedhanii ture dhaabni keenya dadhabina guddaa keessa akka ture, qabsoon hidhannoo akka laaffatte hin hubatan.Hoogganni dhaaba kanaa qabsoo irratti cichuu malee dhaaba kana akka fuula dura hin tarkaanfatne gochuu hin amanan. ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawaman, osoo bilisummaa dheebotanii fi ummata isaanitiif jireenya irratti waa godhuu barbaadan hoogganni kun hamilee cabsee manatti dacha'anbjiraachuu hin amanan. Gosaan namoota naannoo Abbaa Caalaa, Daud fi Tamaam Yousuf akka ilmaan Oromoo naannoo biroo jibbu godhanii ijaaruun rakkoo Oromoo akka waan furuu danda'uutti yaadu. Kanaaf egaa gabaabaatti hoogganni "shanee" dhibdee kaleessa ture hin hubatu, fuula duraafis furmaata hin qabu jechuu dha. Kan murni "shanee" ogummaa guddaa itti qabu, ciminaan hojjatee gufuulee qabsoo buqqisuu fi akka hin dhalanne godhuu osoo hin taane, gochaa diinaa guddisee dhheessuu fi akka homaa godhuun hin danda'amne, hanga waaqni gadi bu'ee Oromoof qawwee baatutti taa'anii eeguu dha. Osoo homaa hin hojjatin ganna 4o miseensa ABO tahanii ta'uu qabsootti cichuu jedhuun. Kanneen ar'a dhufanii nu hojjachiisaa fi osoo yeroo hin dabree saba keenyaaf waan mul'atu haa goonuu jedhan jarjartoota wanni hundi salphaa itti fakkaatu godhanii hamilee cabsu. Xumura Murni "shanee, murna diigaa, murna karoora ololaa malee karoora hojii hin qabne, guyyaan itti dukkanaa'ee dha. Murna jaalalaa fi kabajaa sabaa osoo hin taane, murna qullaa dhaabbatee hojii malee of dhaadu, murna ofittoo jaalala fedhii mataa isaatiin ahwaale/obsessed/ dha. Haasaa isaanii keessaa ji'oota lameen dabran wanni dhageenni karoora hojii olola Oromoota addaan facaasuu irraa madde hafarsuu fi hooggana dhaabaa ganna 30 qabsoo irratti dabarseetu salphifame kan jedhu qofa. Ummatni Oromoo osoo barii bilisummaa arge jedhu itti dukkanaa'e, osoo WBOn ar'a na dhaqqabee gumaa sabaa baasa jedhu hawwiin isaa abjuutti jijjiirame, kan boru irra wayyaadha osoo jedhu gabroomfataan gidiraan itti hammaateef deebii tokko murni "shanee" hin qabu. Hunda caalaa dantaa mataaf jedhanii Oromoo amantii fi naannoon walitti naquuf tattaafiin godhamaa jiru, fuula dura salphina kana jalaa bahuuf sabni keenya tokkummaan akka hin warraaqnee fi abbaa qoroo gandaa jalatti akka kufuu fi haala yeroo duulli Minilik jalaqabamuu dura Oromiyaa keessa turetti kan nu deebisuu dha. Dadhabina hojjannee irra aanuu dandeenna. Saba Oromoo gandaan addaan facaasuu garuu irra aanuun dhaloota biroo gaafatuu mala. Dhugaan Oromummaan akka dagaagdu yoo hawwina tahe, jirrenya keenay irratti sabni keenya akka humna tahee mataa ol'qabatee dhaabatu dandeessisuun hawwii keenya yoo tahe, gama fedhe dhaabbanus shira qabsaawotaa fi qabsaawota, ummata naannoo tokkoo fi naannoo biraa walitti duulchisuuf godhamu dura haa dhaabbannuu. Ilaalchaan adda baanus, dhugumaan Oromummaa fi qabsoo saba keenyaatti amanna taanaan yaadaa wal dura dhaabbannee deeggarsa ummata keenyaa haa barbaadnuu. Ololli gosa tokko irratti xiyyeeffatu, qabsaawotni akka diinaatti wal-ilaalan godhu badanii balleessuu/suicide/ irra addaa miti. Badanii balleessuun nuti dhagahaa turre/ sucide/ diina irratti kan xiyyeeffate yomuu tahu kun kan of-balleessuu waan taheef iyyinee iyya dabarsinee akka dhaabbatu haa goonuu. Diinummaan uumamaa hin jirtu. Gochaan keenya diina walitti nu godhuu danda'a. Kanaaf diinummaan Warshaa "shanee" keessatti uumamee ummata Oromoo keessatti akka babal'atu godhamaa jiru akka dhaabbatu sagalee tokkoon tokkummaa Oromoof haa dhaabbannuu. Gadaan Gadaa injfatnoo fi Jijjiiramaa ti.!!! Bulee Garambaa ti.