Tuesday, October 14, 2008

Farrummaa Murna "shanee"

salphoon nama rakkatetti, dhukkubsatetti, cubbuun itti roorrifamee fi kkf qoosuu fi kofluu caalu hin jiru. Ummata haqa ofiitiif falmu biratti ammoo kanneen saba isaaniif jedhanii wareegaman, harka diinaa bu'an akkasumas qaamaa fi sammuunis daadarkaawamanitti qoosuu caalaa gochaan nama suukanneessuu hin jiru. Kana irra dabree kan kaleessa jaallan waliin jettu diinaaf meeshaa tahuudhaan bakka hundatti qabsaawota adamsiisuu, diinaan lubbuu galaafachiisuu fi dararaa addunyaa kana irratti himuunuu nama sukanneessu mooraa hidhaa Wayyaanetti akka darbaman nama godhuu ala wanni fokkisaan hin jiru.

Qabxii armaa olii kana kan kaaseef sababa malee miti. Dhiheenya kana gootni ilma Oromoo tokko Somaalilanditti harka diinaa bu'aa dhagahuu, fi eenyu akka dabarsee diinaaf kenne akkasumas kana boodas ilmaanumti Oromoo hammeenya gurri ilma namaa dhagahuu hin qabne waa'ee goota ilma Oromoo kana dubbatan dhagahuu kiyya.

Ari'aa Daadhii eenyu. Ari'aa Daadhii ilma Daadhii garadee ti. Gooticha ilma Oromoo naannoo Arsii, golochatti dhalate, bara qabsoon Ummata Oromoo ABOn gaggeeffamtu bu'ureeffamte fincilee daggala seenee dha. Ilmaan isaa hundi bosonuma Oromootti guddatanii miseensa WBO tahuudhaan hanga lubbuu isaanii baatutti Oromiyaaf falmaa turan. Ilmaan Haajii Daadhii keessaa shan, miseensa WBO tahanii Oromoof osoo falmanii Dirree bahaa kutaa Harargee keessatti yommuu wareegaman tokkicha lubbuun hafe /ARI'AA Daadhii/ kanneen kaleessa hooggana ofii jedhaanii fi WBO ajajaa turan deebi'anii qabsiisuu isaanii ti. Abbaan Ari'aas bosonuma Oromoiyyaatti wareegame. Hunda Caalaa kan nama gaddisiisu Ar'aa Daadhii falmaa irratti madaawee isaa wal'aansaaf biyya ollaatti bahe osoo madaa isaa hin qoorin, rasaasni osoo keessa jirtu murni "shanee" diinaan qabsiise.

"Shaneen" farra ummata Oromoo fi bilisummaa akka taate erga hojiidhaan mul'ifte bubbultus, hammeenya Ari'aa Daadhii irraan isiin geesse eenyummaa isaanii hunda caalaa kan qulqulleessee ibsee dha. Ari'aan Daadhii guyyama qabame, osoo biyya ollaa jiru, akka waan harka diinatti kennee naannoo baha Oromiyaatti ummata qabsiisaa jiruu, mana paltalk "shanee" Galma Qabsoo..........." keessatti olola lallabuu eegalan. Maaltuu akka deemaa jiru beekuu dhabus, ololli akkanaa, ilmaa Oromoo jireenya isaa guutuu dirree qabsoo irratti dabarse irratti oofamu waan na jibbisiiseef cal'ise. Guyyaa lama booda hooggana qaama jijjiiramaa tokko argee gafannaan akka "deeggartootni shanee" qabsiisan, ajaja kanas kan kenne, Abbaa Caalaa Lataa, Daud Ibsaa fi Araarsoo Biqilaa akka tahan dhagahe. Araarsoo biqilaa naannoo sana keessa waan tureef namoota hedduu waan beekuuf qunnamntii qabutti gargaaramee akka Ari'aa Daadhii diinatti fi jaallan 3 biroo diinatti gurguratan ajaja dabarsan. Hunda caalaa kan na gaddisiise, kanneen ar'a Ari'aa Daadhii akka ofiin harka kenneetti fi diinaaf hojjatuutti olola dharaa oofan, "Gadaa Araaraa" namni jedhamu, fira Tamaam yousuf namni tahe kun takkaa sagalee rasaasaa kan hin dhagahin, bilisummaa Oromiyaaf takkaa dheebuu guyyaa tokkollee kan hin oolinii dha. Namni Guyyaa kaleessaa irra deddeebi'ee dhugaa jirtu haalee goota akka Ari'aa Daadhii cubbuun abaaraa ooluu yommuun dhagahu lubbuu kiyyaan jibbe. Oromummaa kiyyatti qaanawe. Murni "shanee" hooggana kiyya jedhee waggaa 20 jala deemaa ture farrummaa akkanaa irratti bobba'anii yommuun argu hangam bal'isee akka ilaalaa hin turre of arge, kanneen akkanaa irraa dirqama fudhachaa turuu kiyyaaf.

Ar'aa Daadhii goota gaafa hoogganni dirree qabsoo dhiisee baqate, humna facaase ciniinnatee bosona Oromiyaatti hafuun dirree bahaa keessatti akka WBOn jiraatu godhee dha. WBOn akka jiraatu godhuu qofa osoo hin taane, murna "shanee" ar'a isa qabsiise yeroo hedduu bakka isaan itti dhokatan Asmaraatti deddeebi'uun akka humni biyya keessa hooggana isaa eggataa jiruu fi dirreetti deebi'amee akka qabsoon finiinsamu yaadachiisaa ture.

Namoota Akka Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Araarsoo Biqilaa yoo ilaalle umrii isaanii walakkaa ol maqaa qabsootiin dabarsan. Ari'aa Daadhii garuu umrii isaa harka dhibba keessaa 99 qabsoo irratti dabarse. Keessattu kannen akka Araarsoo Biqilaa Ari'aa qofa osoo hin taane abbaa isaa fi obboleeyyan isaa barootaaf akka baala mukaatti Oromoo fi Oromiyaaf jedhanii harca'aa turan ni beeka. Fakkeenyaaf obboleessi Ar'aa guddaan 1997 yommuu kufuu Araarsoo Biqilaa ni ture. Kan kufes, dirreetti bobba'ee osoo hin taane, hooggana dhaabaa humna ittisutti ajajaa tahee osoo lolchiisu ture. Egaa hoogganni dhaabaa Gadaa Daadhii akka jiraatanii qabsoo ummata Oromoo gaggeessan, qabsaawota duulchisanii fi nagummaa miseensota dhaabaa tiksuan of wareegeef Araarsoo Biqilaafaa dha. Waaqni dhugumaan jiraataa taanaan dhugaan ar'a ukkaamfamtus, kanneen cubbuu fokkataa akkanaa Ar'aa Daadhii irratti dalagan hoonga'uu fi jireenya irratti qaana'uu hin oolan jedhee abdadha.

Dhugaatti dhiiga Oromoo yoo qabaatan, kanneen akka Araarsoo Biqilaa, Abbaa Caalaa Lataa, fi Daud Ibsaa goota ilma Oromoo ofii qabsiisanii, ofumaa deebi'anii ar'a akka ergamtoota isaanitiin irratti duulamu godhan kana akka dhaabsisan maqaa gootota Oromoo Oromiyaaf jedhanii lafee isaanii caccabsanii fi dhiiga isaanii lolaasaniin gaafadha. Hunda Caalaa akkaataa Ar'aa Daadhii itti qabame kan beeku Abbaa Caalaa, Daud Ibsaa fi Araarsoo biqilaa ti. Lubbuu goota kanaa galaafatanii, dararaaf erga isa laatan booda, mana paltalk hunda keessatti akka deeggartoota isaanitiin itti qoosamu gochuun cubbuu waaqni dhiifama hin gooneef natti fakkaata.

Dhuma irratti, lammiiwwan Oromoo barruu kana dubbisuuf hiree argatan, dhimma gooticha Oromoo AR'AA DAADHII kana jala buutanii akka hibattanii fi akkaataa diinatti dabarfamee itti kenname akka qorattan isin yaadachiisaa, goota ilma Oromoo kana garaa garummaa ijjannaa qofaaf itti duulamu, akka dhaabbatu qooda keessan akka baatan isin gaafadha.

Manguddoon Oromoo keessattuu kan naannoo Minesotaa jirtu, Kashlabboota akka "Gadaa Araaraa, Caffee anannii" maqaa jedhuun kannneen halkanii fi guyyaa mana paltalk keessa oolanii buluun hojii fokkataa shanee gaggeessan akka gochaa kana irraa of qusatan akka godhan gaafadha.

Kannen lafee, dhiigaa fi dararaa qabsaawota Oromoo irra gahuun gammadan, cubbuun lubbuun qabsaawotaa akka gaaga'amtu godhan, lafeen gootataa akka isaan waraantu, dhugaan isaa irratti haa jiigdu, cubbuun isaan haa dhaaltu!

Ummatni Oromoo cubbuu keessaa fi alaa ni injifata!

Dhiibaa Garbii

No comments: