Yeroo dabre murna "SHANEE" ofiin jedhuu fi hoogganni gadaa Daud Ibsaa ilmaan Oromoo kutaa fi Amantiin walitti buusuuf tattaaffii godhaa jiranii fi eenyummaa namoota adda durummaan shira kana xaxaa jiranii agarre. Ar'as itti fufa isaa fi jala deemtota "SHANNEE" akeeka diiga kana bakkaan gahuuf hojii gadhee hojjachaa jiranii ilaalla.
Dura ololli amma kanneen dhaabni kun qabsoo saba Oromoo fuula dura tarkaanfachiisuu hin dandeenyee, jijjiirama bu'uraa nu feesisaa jedhanii ganna lamaa ol sirna dhaabaatti dhimma bahuun ABO deebisaanii akka mul'atuu fi ummata Oromootti kabajaa godhu tattaafataa turan irratti oofamaa jiru akka fakkeenyaatti ilaalla.
1. Warra ganda tokkoottu of- ijaare.
Yaadni kun qabsoon saba Oromoo sakaallaa keessatti akka haftuu fi badiin murna shanee qabsoo ummata Oromoo diiguuf muratee akka saaxil hin baane tooftaa dhimma itti bahamaa jiruu dha. Dhugaan yoo tahe murni "shanee" namootni inni ar'a hoogganu irra jiroon namoota ganda lama hin caallee dha. Yoo gosti Oromoo hafte Oromoo tahuuf ajaja Abbaa Caalaa fi Daaud fudhachuu barbaachise ykn yoo gosti gosa kaan irra Oromoo taate malee kanneen ar'a jijjiirama mooraa qabsoo Oromoo keessatti labsan namoota ganda tokkoo wanni godhuu danda'u hin jiru. Murna jijjiiramaa kana adda durummaan kanneen gaggeessan yoo ilaalle ilmaan Oromoo golee Oromiyaa hundatu keessa jira. Kan silaa gandummaan yakkamuu qabu, kanneen gandaan biyya alaa fi biyya keessattis caasaa diriirfataa turan Abbaa Caalaa fi Daud tahuutu irra ture. Dubbiin ifaa tahee jiru gandi tokko namoota xinnoo ergamuu qofaaf of kennan ofitti dabalatee ilmaan Oromoo qabsoo irraa dhiibuu dha.
2. Kanneen maqaa jijjiiramaatiin dhaaba /ABO/ dhuunfatuu barbaadan harka diinaatti keessa jira, yookan OPDO dha jedhu.
Yakkii kun akkamitti dhugaa tahuu danda'a?
Genaral Kamaal Galchuu yoo fudhanne osoo dhaabatti humnaa fi meeshaa Waraanaa qabatee hin dabalamin dura baroota dheeraaf Hayyuu Duree waliin qunnamtii qabaachaa akka ture, humna diinaa diiguu irratti qooda inni taphateen Kora 2ffaa irratti jaallan biyya keessa jiran jedhamuun kan akka miseensa GS-ABO tahu, yaada hayyuu Dureen dhiyaate walgahii dhaabaatiin fudhatee irreeffamee dha. SBOn irra deddeebitee, ilmaan Oromoo General Kamaal waliin wal-qunnamtii qabaachaa jiran sababa ABOtti makamuu isaatiin kanneen 20,000 ol tahan hojiii irraa akka ariite, kaan ammoo bakka bu'a akka dhabaman oduun dabarsaa ture soba moo, Genaral Kamaal kan ergamaa OPDO godhu hoogganni amma jiru qabsoo ummata Oromoo hoogganuuf muratnoo hin qabu jechuu isaati, ykn ammoo kan qabsaawummaa namaaf kennu, Daudiin faarsuu, kan OPDO jechisiisus Daudiin wal dhabuu dha?
3. Kanneen jijjiirama gaafatan WBO ijaanuu arganii hin beekan, ykn takkaa shurufkaa rasaasaa fuunfatanii hin beekan jedhu.
Mee "SHANEE" ar'a yeroo barbaaddu OPDO ykn ammoo goota gootee namoota faarsitu kana keessaa nama hangam kan qawween lolaa ture? Gaaffii akkanaaf deebii kennuu dandeettii shaneen? Dhaaba keessa Osoo hin turin fi osoo hin lolin namoota aangoo ykn dirqama ol'aanaa itti kennuutu badii tahe jedhu "shanee" fi ergamtootni isii. Mee dhugaan eessa akka jiru bilchinaan haa qorannuu.
Kanneen ar'a dhaaba kana keessatti buuleysa jedhaman, Abbaa Caalaa fi Daud, akkasumas Araarsoo biqilaa ti. Araarsoo Biqilaa qabsoo kana keessa hanga turetti bu'aan inni qabsoo Oromootiif buuse kan nama wal-gaafachiisu tahus, buuleysummaan isaa waan haalamuu miti. Mee Abbaa Caalaa fi Daawud dhugumaan buuleysaa waan jedhu haa ilaalluu.
Abbaa Caalaa: Abbaa caalaa kanneen jalqaba dirree dhihaatti bahan akka tahe ni hubatama. Bara 1981 dirree Dhihaa akkuma dhaqaniin sagaliin duraa diinaan gaaga'amtee namoota hafan irratti Abbaa Saglii godhame. Osoo waggaa tokko hin turin miseensota akka wal-basaasan gochuudhaan diina dhiisanii akka qawwee walitti nyaachifachuun wal-eeggatan godhee hojii qabsoo hidhannoo guututti sakaalame. Rakkoon kun cimaa dhufee, walgahii yeroo sanatti Waajjira siyaasaa yaamamee furmaatni itti kenname.
1992 irraa kaasee biyyaa baqatee Keeniyaa fi Suudaan keessa ture. Hanga ar'aatti baqattummaan jiraachuu malee waraana hoogganee hin beeku. Mee isaa fi baqataa europe ykn USA jiru gidduu garaagarummaa maaltu jira? Garaa garummaa tokkichi jiru ofii hojjatee ofii fi maatii isaa jiraachisuu qofa.
Daud Ibsaa:
Akkuma barruu kiyya duraa irratti tuqe Daud Ibsaa ganna 30 maqaa qabsootiin dabarse keessatti waraanaan wal-quba hin qabu. 1981 dirree dhihaa irratti diinaan booji'amee ganna 6 mana hidhaa keessatti dabarse. 1988 yeroo achii bahutti Abbaa Saglii irraa ka'ee takkaa osoo humna hin lochiisin ajaja Damee Waraanaa muudame. Yoo mana hidhaa keessatti bosonni jiraatee lolaa ture malee muuxannoon lolaa inni qabu hin jiru. Abbaa Saglii irraa takkumaan General tahe.
Hangattii xinnoo dirree dhihaatti mataa damee tahee hojjachaa turetti humna ajaja, mirga irraa mulqee dirree leenjisaa irraa ka'ee abbootii saglii, muraasaa, buttaa.....kkf bira dabruun gabaasaa nama tokko tokkoo guuraa waan tureef humna keessatti wal'amantiin akka hin jirre, ajajootni humna akka sirnaan hin taligne nama danqaa guddaa uumee dha. Kana jechuun umriin inni maqaa qabsootiin dabarse gatii hin qabuu miti. Garuu, hiree ummata Oromoo jireenya keenyaa ol goone ilaalla yoo tahe bu'aan inni akka hoogganaatti qabsoo kanaaf buuse hin ture, fuula duras hin jiraatu. Kan ganna 30 keessatti bu'aa tokko hin argamsiisin haala ammaa kana keessa bilchina qabsoo saba miliyoona afurtamaa nama akkaanaa irratti dhiisuun dogoggora guddaa taha.
4. Ololli hamaan amma deemaa jiru kan biroo tattaafii ilmaan Oromoo bahaa fi kibba bahaa jiraatan walitti buusuuf godhamaa jiruu dha. Ololli gidduu kana ergamaa "SHANEE" naannoo bahaatti dhalataniin oofamaa jiru, kan jedhu, osoo dhaaba keessatti jijjiirama fiduuf tattaafannuu warri ARSII akka nama bahaa Bultum Biyyoo Hayyuu Duree hingooneef fincila kaasanii kan jedhuu dha. Kun akka dhagahutti kanneen bal'isaanii shira "shanee" hin ilaalle hedduu akka dallansiisee dha. Dhugaan jiru garuu kanneen bakka bu'aa ilmaan Oromoo bahaa of-taasisuu barbaadan kun "shanee"f ergamuu malee murni Abbaa Caalaa fi Daaud kabajaa namaatuu kan hin qabnee fi akka meeshaatti akka isaani ilaalu kanneen of-tuulummaa murna booddessaa "shanee" beekan hundi ni hubatu.
Murni shanee Abbaa caalaa fi Daaudiin hoogganamu murna booddessaa fi farra warraaqsaa akka tahe, akkasumas kanneen isaan ar'a ummata Oromoo ittiin dhamaasuu ergatan kanneen waan itti amanan hin qabne akka armaa gadiitti haa ilaalluu.
1992 keessa Abbaan Caalaa Qabsaawota sagaagalummaan yakkee mana hidhaatti osoo darbuu ofii sagaagalaa ture. Guutummatti hojiin murni kun hojii siyaasaa fi waraanaa lagatee bara ummatni Oromoo bakka hundaa gargaarsaan hiriira dhaabbatu waraanii Dirree dhihaa Kophee malee lafa deemaa ture. Kanneen dhugumaan dhugaa barbaaddan akka tasaa hiree barruu kana dubbisuu argattan WBO dirree dhihaa ture irraa dhugaa kana baruu dabdeessu.
Kanaaf ragaan guddaan, 1992 ji'a caamsaa keessa Abbaan Caalaa Michuu/girl friend/ Dirree xayyaaraa irraa simachuuf Waraana buttaa guutuu walakkaan kophee hin qabnee hiriirsee akka dhaqee kanneen dhugaa kana beekaniif haaraya hin tahu. ABO hoogganuuf Abbaa Caalaa fi Daaud Ibsaa malee akka namni hin jirreetti kan ar'a nutti himuu barbaadan, WBOn godina dhihaa hanga funyaanitti meeshaa waraanaa qabuu fi leenjisa gahaa fudhate shira jara kana lameeniin diigame. Of-tuulummaan isaan qabsaawota ittiin dhihaataa turan hedduu fokkataa akka ture jecha Abbaan Caalaa waraana rakkoo nyaataa fi uffataa isatti himatuu walgahe tokkoon jedhe arguun barbaachisaa dha. Humna rakkoo isaa hoogganatti himaachuuf dhufe kanaaf deebiin Abbaan Caalaa kenne " Feetan ganda keessanitti galaa, ar'aan booda jaldeessi Oromiyaatuu lolee nu bilisoomsuu danda'aa" jedheen.
Kanneen seenaa xuraawaa akkanaa qaban maaliif qabsaawota dhugaa xureessuu fi haguuguuf akka tattaafatan hubachuun nama hin dhibu. Sababni shira kana hundaa, Guyyaan dhaabni kun murna booddeessaa akkanaa kana jalaa bilisoome qabsoon Oromoo waan fuula dura furgaatuuf eenyummaan isaa ittiin of dhaadan kun ifa baha jedhanii waan sodaataniifi.
Ergamtootni isaaniif Kannneen gandummaan dhamaase, qabsoo bilisummaa Oromootti hin amanne, maqaan guddaa sammuun ijoollee daa'ima hin geennee dha. Isaan keessa tokko qofa fakkeenya fudheen dabra.
Bayaan Asoobaa
Bayaan Asoobaa kanneen jalqaba bara qabsoon hidhannoo jalqabamte bosona seenee humna hoogganu facaasee Dariitti harka kennatee dha. Qabsaawota hedduu qabsiisuu fi dhiiga isaanoii Dargiin akka dhangala'u godhee "Cadre" Dargii badhaafame. Qooda ol'aanaa diinaaf gumaache kanaan ammas "scholarship" hiree biyya alaatti barachuu badhaafame. German yeroo jirutti humnoota Amaaraa kan akka EPRP keessatti qooda fudhachaa ture. Osoo haala kanaan jiruu murna gandaa "murna harar odaa bultum" jedhamu ijaare.
Achi irraa USAtti galee deebi'ee dhiigni goototaa Dargiin akka dhangalaasu godhe dagatamee qondaala dhaaba gurguratee tahee as bahe.Kanneen akkanaa ajaja namaa guutuu malee saba isaanitiif hin dhimmine qabsaawaa tahanii ar'a murna shanee akkuma isaanii osoo diinatti harka hin kennatin qabsoo ajjeesse du'a irraa oolchuuf oliif gadi fiigu. Qabsoon sabni Oromoo bilisummaaf gaggeessu hanga farreen akkanaa ijjanaa fi waan itti amanan hin qabne maqaa sabaatiin nagadanitti bakka gahuu hin dandeessu. Kanaaf jabaannee hojjachuu qabna.
Boqonnaa 3ffaan itti fufa.
Gadaan Gadaa Jijjiiramaa fi Gadaa injifatnoo ti!
Bulee Garambaa ti
Tuesday, August 19, 2008
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment