Yeroo Ammaa Jijjiiramnni hundee ABO keessatti maalif barbaachise? Kutaa TokkoffaaThursday, 08.21.2008, 05:52pm (GMT)
Yeroo Ammaa Jijjiiramnni hundee ABO keessatti maalif barbaachise? Kutaa Tokkoffaa: ABO keessatti jijjiirama hundee fiduun yookaan ABO haaromsuun kan barbaachiseef QBO saffisaan galii isaa rukuchiisudhaaf jecha waan nurraa hir'atte guutannee, kan jallatte diriirsinee qabsoo karaa sirrii qabsiisuuf qofa akka ta’e ifaatti beekkamuu qaba. Jijjiirama fedhii fi gaafii miseensotaa ABO fi abbaa qabsoo kanaa Ummata Oromootiin dhaaba kana keessatti ta’e kana xinneesanii jijjiirama namoota murtaa’on ( Oromoota nannoo takka keessatti dhalatiin) dhufe fakkeesaii dhiheesuun kan boru seenaa keessatti nama qaanfachiisu akka ta’e wal yaadachiisun fardii ta’a.
Osoo ololli kun dhugaa ta'eeyyuu namnni murataan tokko, murnni tokko yookaan namoonni naannwa tokootti dhalatan wareegama barbaachisu kafalanii Oromiyaa bilisoomsuuf yoo soso'an yakka ta'uu hin danada'u. Murnni har’a qaama jijjiirama hundee ABO keessatti fide gandummaan yakkuu barbaadu kun qaama ufii isaa bara dheeraa dhaaba keessatti caasaa gandummaa gubbaa haga jalaatti, beekaa haga wallaalaatti ijaaree gadaa hooganaa ABO dhufaa dabrraa keessatti aangoo irra uf tursiisuf hojjachaa tureedha.
Murnni kun qabsoon Oromoo qancarte dhiifte, Ummanni Oromoo balaa beelaa, dhibdee fi diinaan dararame dhiise, Oromoon humnna qawween biyya abbaa isaa irraa buqqaafame dhiise, laffti Oromoo alagaan ciciramee gurgurame dhiise, dubartiin Oromoo humnnaan humnna waraana/polisa diinatiin gudeedamte dhiifte, mangudoon Oromoo diinaan salphate dhiise, daa'imman Oromoo jiraa isaanii bineensa nyaachifame dhiise, Oromoon bahaa-dhihaa, kaabaa-kibbaa sab bicuun lafa irraa duguugame dhiise, dhalttuun Oromoo garaa haadhatti saanjaan ajjeefame dhiise haga isaan aangoo ABO irra turanii maqaa ABOn daldaluu danda’anitti dhimma itti hin qabin. Qabsoon rakkoo fi gufuu malee milkooftu jiraachuu baattullee tan ummata hedduu osoo if duubaa qabduu rakkoo keeysaatiin sakaalamtee bara dheeraaf qancartee Ummata isii salphina keessaa baasuu dadhabde qabsoo bilisummaa Oromoo qofa jechuun nidandayama.
Rakkoon tun hooggana siyaasaa cimaa Oromoo lolee lolchiisu fi oromoo uf jalatti gurmeesee diina irratti duulee duulchisu dhabuu fi adeemsa ifaa ta’e kan arrab-lamee uf keessaa hin qabnne ( clear vision) qabaachuu dhabuu akka ta’ee saba Oromoo jalaa kan dhokatu miti. Waan hundaa ol garuu wanni qabsoo bilisummaa Oromoo bara dheeraaf sakaalee uf dura tarkaamfachiisuu dhoowwee qancarse rakkoo keessaa sirnnaan haasa’a ilaa fi ilaa meen furachuu dadhabuun namoota dhaaba keessatti gaafii sirnnaa kaasan maqaa farra qabsoo jedhu itti moggaasanii yoo halli mijaa’ef ajjeesuu, yookaan hidhuu, bakka kun hundi hin aanjofnnetti qabsoo irraa moggaatti dhiibuu akka ta’e hubatamaadha.
Halli kun ABO keessatti bara baraan wal facaasuun dhaaba biraa dhalchuu fide. Erga dhiibbaa adda addaatiin dhaabonni haaraan dhalatan boodee dhaabota siyaasaa Oromoo jidduu waliigaltee fi tokkummaan siyaasaa dhabamuun Ummata Oromoo afaanfaajessee ka jala deemu fi dhiisu wallaalchisee, tokkummaa Ummata Oromoo laafisee diina waloo irratti qabsaa’ee biyya isaa dhuunfachuu akka dhoowwe dhala Oromoo hundumatu beeka. Kanaaf ragaan, kan ta’u seenaa ABO kan bara 30 olii kan dabree fi haala amma jiruuudha. Ummanni Oromoo wanni bilisoomuu dhabeef qabsoo keeysaa geegesee rakkoo tana furuu dhabeeti malee loluu dhabee ykn diinni irra cimee akka hintahin shakkiin hinjirtu. Hoogana goota Ummata gootaa fi seena qabeessa ta’e kana gurmeesee diina irratt duulchisutu dhibe. Hooganni yeroo amma aangoo irraa kaafame SHG-ABO kun hoogana bilisummaan biyya baqaa taa’anii hawwuu qofaan dhufuu danda’a jedhanii yaadan yookaan abjootan hoogana yoo akka tasaa wayyaaneen aangoo mootummaa gadi lakkiftee maqaa Ummata Oromootin affeeramanii mootummaa ta’uuf qophaa’an fakkaatu. Ragaan hujii isaanii baroota 17 dabrre bara chaarteeraatin booda arginuu dha. Bilisummaan hawwii qofaan argamtu manaama dhugaa tahuu hindandeenye.
Ummanni Oromoo har’as ta’e boru yoo rakkoo tana irra aanee firaa fi tumsa qabsoo heddummeesuun gamtaan diina kallattii irratti duule injifannoo galmeesse malee wareega fedhe baasu illee hoogana amma jiru ( SGH-ABO ) jalatti bilisummaa isaa goonfachuu akka hin dandeenye ifaatti mul’atee jira. Kanaaf qabsaayonni haala kana hubatan wareegama barbaachisu kafaluun jijjiirama bara dheeraa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hawwamaa ture dhugeesuuf socho’an. Ummanni Oromoo gabrummaa, hiyyummaa fi qabsoo hadhooftuu bara dheeraaf geggeesaa tureen akka malee hubamee/ miidhamee hoogana ABO kan bara 30 ol keesatti dachii Oromiyaa faana/taakkuu takka bilisoomsuu dadhabe kana jala deemuu hifatee/nuffee jira. Amma booda qabsoon tun yoo karaa sirrii qabattee hoogana warraaqaa jalatti uf dura deemuu baatte ummanni hamilee dhabuun, abdii kutachuun ykn shakkiidhaan qabsoo irraa qoorrinfachuuf deema. Kanaaf, dirqamni ilmaan Oromoo guddaan rakkoo hoogana cimaa/warraaqaa dhabuu kana yeroon gadi fageenyaan ilaalee kora sabaa Ummata Oromoo mirkaneesuun furmaata itti laachuudhaan akka nam tokkootti harka walqabatee gootummaan diina irratti bobbahuudha.
Kaayoon hoogana yeroo kan jijiirama qabsoo tenya keessatti godhamee kan duraa kora kana milkeesuun hoogana cimaa/warraaqaa utubuu fi Ummata Oromoo gurmeesee, tokkummaa qabasaayotaa fi dhaabbotii Oromoo bilisa ta’anii cimsuun bilisummaa saba Oromoo humnna qawweetiin mirkaneesudha. Hooganni dhaaba siyaasaa kan bakka bu'aa, ijaa fi gurra ummataa tahee qabsoo duursu tokko diina isaa injifatee ummata dharraa dheebuu bilisummaa baasuuf waa hunda dura dimokraasii, fi walabummaa keeysaa fi alaa qabaachuu ol'aantummaa heeraa fi seeraa kabajee kabachiisuu qaba. Kana jechuun,
1. Qaamnni dhaaba hoogganuu tokko amantii, kutaa, fi ilaalcha siyaasaan osoo gargar hin qoodamin sodaa fi loogii tokkoon malee walaba tahanii walmarihachaa wajjiin carraaquutu isaan irraa eegama. Kun aadaa hoogana kanaa miti.
2. Hooganootiin hundi dantaa ufii jala goruu dhiisanii tan sabaa dura aansuudhaan obsa, kabajaa, jaalalaa fi wal'amantiin akka nam tokkootti murannoo fi haqaan wajjiin hojjachuu feesisa. Kun hoogana ABO ( SHG) keessaa dhabamee jira.
3. Hundaa ol abbaan qabsoo ummanni oromo waan maqaa isaatiin hojjatamu hunda beekuuf mirga waan qabuuf hooganni ABO gorsa manguddoo fi hayyuu sabaa fudhachaaa, yad-qalbii ummataa dhageeffachaa fi hirmaannaa isaa gabbisaa hojjachuun qabsoo Oromoo fiixaan baasuuf carraaqun murteesaa ture . Kun SHG-ABO kana biratti fudhatama hin qabu.
4. Hooganni dhaaba tokko qabsoo bilisummaa sirnaan duursee fedhii ummata isaa guutuuf waa hunda dura heeraa fi seeraa dhaabichaa kabajee kabachiisuu qaba. SHG-ABO hoogana heeraa fi seeraa ol uf godhee uf ilaaludha. Kanaaf SHG-ABO amma dirqama irraa kaafame kun murtii koree Seeraa fi Toohannoo kan kora sabaatiin utubame irra ijjatee qabsaayotaa fi Ummata Oromoo gargar qoodee dhimma itti bahuuf Kora gamtaa ABO kutaalee USA fi Canada bara 2008 bakka lamatti teesise.
5. Hooganni kun hoogana humnna waraanaa sadarkkaa Jeneraala haga waraana raayyaa, barattoota, hojjattoota fi qotee bulaan Oromoo diina isaa loluf jiruu fi jireenya isaa dhiisee itti dhufe ufitti fudhatee diina lolchiisuu dideedha.
6. SHG _ABO jiruu jireenya WBO dagatee, dirree lolaa lagatee bara 17 ol biyyoota ollaa keessa naannawuudhaan maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin jiraachaa jiruudha. Badiileen/dahabiin kun kan hooganni kun akka walotti itti gaafatamu yoo ta’u kan dhunfaa dhunfaatti itti gafataman barreefama itti aanu irratti kaa’uu barbaada. Kutaa Lammaffaa itti fufa, hagasii nagahaan
Friday, August 22, 2008
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
No comments:
Post a Comment